Namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane toltuu haa dubbatu yookaan immoo haa callisu

Namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane toltuu haa dubbatu yookaan immoo haa callisu

Abuu Hurayraa irraa odeeffame -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane toltuu haa dubbatu yookaan immoo haa callisu, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane ollaa isaa haa kabaju, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane keessummaa isaa haa kabaju".

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichi Rabbii fi guyyaa dhumaa isa deebiin isaa gara isaatti ta'ee fi isa isa keessatti hojii isaatiin mindeeffamutti amane, iimaanni isaa wantoota kana hojjachuutti isa kakaasa jechuudha ibsan: Tokkoffaan: jecha gaariidha: sun akka subhaanallaa jechuu, laa ilaaha illallaah jechuu, toltuutti ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguu fi namoota gidduu wolitti tolchuuti, kana yoo hin hojjanne haa callisuu, hamtuu isaas haa saassaabbatu, arraba isaas haa eeggatu. Lammaffaan: ollaa kabajuudha: tola isatti ooluu fi azaa isa gochuu dhabuun. Sadaffaan: keessumaa ziyaaraa keetiif dhufu kabajuudha: haasawa toluun, nyaata nyaachisuu fi kan sana fakkaataniin isa kabajuudha.

فوائد الحديث

Rabbiii fi guyyaa dhumaatti amanuun bu'uura toltuu hundaati, akkasuma toltuu hojjachuutti nama kakaasaadha.

Balaa arrabaa irraa sodaachisuudha.

Amantaan islaamaa amantaa tokkummaa fi arjummaati.

Wantoonni kun damee iimaanaa fi namuusa faarfamtuu taate irraayi.

Hasawa hedduummachuun gara waan jibbamaatti yoookaan gara haraamaatti geessuutu mala, haasawuu dhiisuu keessa nagaan jira yoo toltuu ta'e malee.