Nama tokkoof halkan sadi'ii ol obboleessa isaatiin ooduun hin eeyyamamuuf, yeroo wol araganutti kunis irraa garagala sunis irraa garagala, irra caalaan isaanii isa salaamataan eegalu

Nama tokkoof halkan sadi'ii ol obboleessa isaatiin ooduun hin eeyyamamuuf, yeroo wol araganutti kunis irraa garagala sunis irraa garagala, irra caalaan isaanii isa salaamataan eegalu

Abuu Ayyuub Al-ansaarii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Nama tokkoof halkan sadi'ii ol obboleessa isaatiin ooduun hin eeyyamamuuf, yeroo wol araganutti kunis irraa garagala sunis irraa garagala, irra caalaan isaanii isa salaamataan eegalu".

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslimni obboleessa isaa muslimaatiin halkan sadi'ii ol ooduu dhoorgani, isaan lameenuu yeroo wol arganutti wol irratti salaamataa hin jedhanu, akkasumas wolis hin haasofsiisanu. Caalaan worra wol lolan lameen kanaa nama ooda dhabamsiisuuf yaali godhuu fi salaamataan eegaluudha, oodni asitti itti fedhame fedhii lubbuutiif jecha woliin ooduudha, haqa Rabbiitiif jecha ooduun immoo akka worra badii hojjatanuu fi worra baasaatiin ooduufaa, akkasumas waahila badaadhaan ooduu faa, kun yeroon hin daangeffamu, inni bu'aa oodaatti rarraafama, inni dhabamuun dhabama.

فوائد الحديث

Guyyaa sadii fi waan isaa gadii keessatti oodni eeyyamamaa ta'uudha, innis uumama ilmi namaa irratti uumame eeguuf jecha, guyyaa sadii keessatti oodni kan eeyyamameef haalli uumamaa sun akka deemuuf jecha.

Sadarkaa salaamataan qabuudha, inni waan lubbuu keessaa ni haqa, akkasumas inni mallattoo jaalalaati.

Islaamummaan miseesnsa isaa gidduutti obbolummaa fi tokkummaaddhaaf bololuu isaati.