إعدادات العرض
“Seehaa (namii) irraa fagaadhaa; Dhugumatti seehaan irra soba haasawaati
“Seehaa (namii) irraa fagaadhaa; Dhugumatti seehaan irra soba haasawaati
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkas jedhan: “Seehaa (namii) irraa fagaadhaa; Dhugumatti seehaan irra soba haasawaati, hamtuu namaa beekuuf hin yaalinaa, wal hin basaasinaa, wal hin hin hassadinaa, dugda walitti hin galinaa, wal hin jibbinaa, Gabroota Rabbii obboleewwan ta’aa.”
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá ئۇيغۇرچە සිංහල ไทย دری Кыргызча or Kinyarwanda नेपाली Română Malagasy Lietuvių Nederlands Soomaali Српски Українська ಕನ್ನಡ Wolof Moore ქართული Azərbaycan Magyar Македонскиالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota Muslimoota gidduutti wal qoqqooddaa fi diinummaatti nama geessan irraa dhoorgan. Sana keessaa: (Seehaadha) inni shakkii ragaan maletti qalbii keessatti argamu yoo ta’u, inni haasaa sobaa keessaa tokko akka ta'e ibsan. (Hamtuu beekuuf yaaluudha): inni hamtuu namootaa ijaan ykn gurraan beekuuf yaaluudha. (Wal basaasuudha): inni dhimmoota irraa waan dhokataa ta'e barbaaduudha, yeroo baay’ee isa hamtuu keessatti itti fayyadamama. (Inaaffaadha) inni argannaa ni'imaa namaaf jibbuudha. (Dugda walitti galuudha) inni gariin namootaa garii irraa gara galuun argama, obboleessa isaa Muslima salaamataa hin jedhuun, akkasumas isa hin ziyaaru, (Wal jibbuudha) wal irraa baqachuudha, akkasumas wal rakkisuun, fuula walitt gurraachessuu fi amala badaan wal simachuun jibbansa walii muldhisuudha. Eegasii jecha of keessatti waa hedduu hammatu kan isaan wajji jireenyi muslimootaa tolu wahiiti dubbatan,innis: (Gabroota Rabbii obboleewwan ta'aa.) jechuudha. Obbolummaan haada walitti dhufeenya namoota gidduu jiru isaan tolu, akkasumas gidduu isaanitti jaalalaa fi walitti dhiheenya dabala.فوائد الحديث
Seehaan badaan badaan nama mallattoon isaa irraa mul’ate hin miidhu, mu’uminni qaruutee fi gamna ta’uu qaba malee namoota hamaa fi badii dalaganiin gowwoomfamuu hin qabuudha.
Ergaan dabarsuuf yaadame, shakkii lubbuu namaa keessa qubatu irraa akeekkachiisa kennuudha,akkasumas yoo tasa kan argamu ta'e akka qabatee waliin hin turre akeekkachiisuudha, wanni lubbuu irra dhufu kan isa keessatti hin raggaane immoo rakkoo hin qabu.
Wantoota waldhabdee fi addaan bahuu miseensota hawaasa Muslimaa gidduutti fidan, kan akka wal basaasuu, inaaffaa fi kan kana fakkaatan haraamessuudha.
Gaarii walii yaaduu fi wal jaallachuu keessatti muslimni obboleessa muslimaa akka obboleessa dhalootatti ilaaluu akka qabu dhaamsa dabarsuudha.
التصنيفات
amala badaa