Yaa gurbaa maqaa Rabbii waami(Bismillaahi jedhi), harka mirgaatiin nyaadhu, gara keetin nyaadhu

Yaa gurbaa maqaa Rabbii waami(Bismillaahi jedhi), harka mirgaatiin nyaadhu, gara keetin nyaadhu

Umar bin Abii Salaamaa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu ni jedhe: Ani mucaa guddisa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jala ture, harki koos sahana nyaataa irra naanna'aa waan tureef, Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkas naan jedhan: "Yaa gurbaa maqaa Rabbii waami(Bismillaahi jedhi), harka mirgaatiin nyaadhu, gara keetin nyaadhu" sana booda akkaataa saniin nyaachuu dhiisee hin beeku.

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Umar bin Abii Salaamaa -Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu- ilma haadha manaa Rasuulaa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- ummu Salamaa -Rabbiin ishee irraa haa jaalatu- kan ta'e -guddifannaa fi kunuunsa isaanii jala ture- yeroo nyaata nyaatu nyaata fudhachuuf harka isaa meeshaa nyaataa keessa asiif achi sochoosuun nyaataa akka ture hime, san irraa kan ka'een Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- naamusa nyaataa sadii akka isa barsiisan hime: Tokkoofaan ishee: Yeroo nyaata jalabuuf jedhu "Bismillaah" jechuudha. Lammaffaan ishee: Harka mirgaatin nyaachuudha. Sadaffaan ishee: Nyaata irraa moggaa isatti aanu irraa nyaachuudha.

فوائد الحديث

Naamusa nyaata fi dhugaatii keessaa tokko, jalqaba irratti maqaa Rabbii dhahuu (Bismillaah) jechuu dha.

Naamusa ijoollee barsiisuudha, keessattuu warra itti gaafatamummaa namaa jala jiran.

Gara laafina Nabiyyiit, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, akkasumas obsa isaan ijoollee barsiisuu fi naamusa isaan qabsiisuu irratti qabaniidha.

Naamusa nyaataa keessaa tokko moggaa namatti dhihaatu irraa nyaachuudha, yoo nyaanni sun gosa hedduu ta’e malee, haala kana keessatti hiixatee irraa fudhachuu ni danda’a.

Sahaabaan adaba Nabiyyiin, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, isaan qabsiisan ciccanii kan qabatan ta'uudha, kunis jecha Umar: sana booda akkaataa saniin nyaachuu dhiisee hin beeku kan jedhu irraa fudhatame.