إعدادات العرض
Rabbiin gabricha (isa) sodaataa, of ga'aa, dhokataa ta'e jaallata
Rabbiin gabricha (isa) sodaataa, of ga'aa, dhokataa ta'e jaallata
Sa'ad ibnu Abii Waqqaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e jedhe: «Rabbiin gabricha (isa) sodaataa, of ga'aa, dhokataa ta'e jaallata».
[sirrii] [Muslimtu gabaase]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt සිංහල Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు မြန်မာ ไทย Deutsch 日本語 پښتو অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە Kiswahili தமிழ் دری Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy Română Kinyarwanda नेपाली Српски Wolof Soomaali Moore Українська Български Azərbaycan ქართული тоҷикӣ bm Македонскиالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin garii gabroota isaa akka jaallatu ibsani. isaan keessaa: sodaataa: ajaja Rabbii kan hojii irra oolchu, waan inni dhoorgu irraa kan fagaatudha. akkasuma of ga'aa ni jaallata: isa namoota irraa Rabbii guddaan of ga'e, gara isaa malee gara nama biraa kan hin millanne. akkasuma dhokataa ni jaallata: kan of gadi qabee Rabbii isaa gabbaru, waan isaa fayyaduun kan qabame, isa namni isa baruun yookaan faaruudhaan isa irraa dubbachuun isa hin yaachifne.فوائد الحديث
haala garii kan jaalala Rabbii gabroota isaatiif argamsiiftu ibsuutu keessa jira, isiin sodaa Rabbii, of gadi qabuu fi waan Rabbiin namaaf qoode jaallachuudha.
التصنيفات
amala gaarii