Namni kitaaba Rabbii irraa qubee tokko dubbise, isaan mindaa tokko qaba, mindaan tokko immoo fakkaattii isii kudhaniini

Namni kitaaba Rabbii irraa qubee tokko dubbise, isaan mindaa tokko qaba, mindaan tokko immoo fakkaattii isii kudhaniini

Abdullaah ibnu Mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni kitaaba Rabbii irraa qubee tokko dubbise, isaan mindaa tokko qaba, mindaan tokko immoo fakkaattii isii kudhaniini, {Alif Laam Miim) jechuun qubee tokko hin jedhu, garuu {Alif} qubee tokko, {Laam} is qubee tokko, {Miim} is qubee tokko».

[hasani] [tirmizii odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslmni hundi Qur'aana Rabbii irraa qubee tokko dubbisu isaan mindaa tokko akka qabu himani, mindaan sun immoo hanga fakkaattii kudhaniitti dachaa isaaf taasifama. Eegasii jecha isaanii: (Alif Laam Miim qubee tokko hin jedhu, garuu Alif qubee tokko, Laam qubee tokko, Miim qubee tokko) jedhuun sana ibsani: qubeen sadeen mindaa soddoma kan qabaatu ta'a.

فوائد الحديث

Qur'aana dubbisuu heddummeessuutti kakaasuutu keessa jira.

Nama Qur'aana dubbisuuf hunda jecha dubbiisuu keessatti tokko tokkoon qubee dubbisuutiin mindaa tokko kan kudhaniin dachaa taatu isaaf jira.

Rahmanni Rabbiitii fi arjummaan isaa bal'aa ta'uu isaa agarsiisa, tolaa fi arjummaa isa irraa ta'een gabrootaaf mindaa dachaa waan godheef.

Sadarkaa Qur'aanni haasawa biraa irra qabuudha, dubbisa isaatiin Rabbiin gabbaruu; sun immoo kan ta'e haasawa Rabbii ol ta'ee waan ta'eef jecha.

التصنيفات

sadarkaa qur'aanatti xiyyeeffachuu., sadarkaa qur'aana kabajamaa