Namni kabajaa obboleessa isaa irraa ittise Rabbiin guyyaa qiyaamaatti fuula isaa irraa ibidda deebisa

Namni kabajaa obboleessa isaa irraa ittise Rabbiin guyyaa qiyaamaatti fuula isaa irraa ibidda deebisa

Abu Addardaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Namni kabajaa obboleessa isaa irraa ittise Rabbiin guyyaa qiyaamaatti fuula isaa irraa ibidda deebisa".

[sirrii] [tirmizii odeesse - ahmad odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa arrabsuu fi yookaan isatti hamtuu hojjachuu dhoorguun namni kabajaa obboleessa isaa muslimaa irraa bakka inni hin jirretti ittise, Rabbiin guyyaa qiyaamaatti adabbii isa irraa ittisa.

فوائد الحديث

Kabajaa muslimootaa tuquu irraa dhoorguudha.

Mindaan fakkaataa hojiiti, namni kabajaa obboleessa isaa irraa ittise Rabbiin ibidda isa irraa ittisa.

Islaamummaan amantaa gidduu hordoftoota isaatti obbolummaa fi woliif tumsuu jabeessudha.

التصنيفات

sadarkaaleefii naamusoota, amala gaarii