إعدادات العرض
Mu'uminni haala toluu isaatin sadarkaa nama soomuu fi halkan dhaabbatuutti qaqqaba
Mu'uminni haala toluu isaatin sadarkaa nama soomuu fi halkan dhaabbatuutti qaqqaba
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- ni jette: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Mu'uminni haala toluu isaatin sadarkaa nama soomuu fi halkan dhaabbatuutti qaqqaba».
[ragaalee isaatiin sahiiha] [abuu daawudiifii ahmad odeessan]
الترجمة
ar bn bs en es fa fr id ru tl tr ur zh hi vi si ku ha pt ml te my th de ja ps as sq sv cs gu yo nl ug sw ta prs ff hu kn ky lt mg ro rw ne sr so mos uk bg wo az ka tg bm mk am kmالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala toluun nama haala tole sadarkaa nama guyyaa soomuu fi halkan dhaabbachuu irratti gadi dhaabbateetiin akka nama ga'u ibsani, guduunfaan haala toluu: toltuu hojjachuu, haasaa toluu, fuula ifuu, miidhaa dhiisuu, yeroo namni nama miidhu danda'anii baachuudha.فوائد الحديث
Islaamummaan haala tottolchuu fi isa guutuutti haalaan xiyyeeffannoo itti kennuu isaa.
sadarkaa haala toluun qabuudha, hanga isaan sadarkaa nama soomuu kan hin faxarree fi nama halkan dhaabbatuu kan hin dadhabneetiin gabricha ga'utti.
guyyaa soomuu fi halkan dhaabbachuun hojii gurguddoo lubbuutti ulfaachuun isaan keessa jiruudha, abbaan haala gaarii wolitti dhufeenya tolchuun waan lubbuu isaatti qabsaa'eef sadarkaa isaaniitti qaqqabe.
التصنيفات
amala gaarii