''Manneen keessan qabrii hin taasisinaa, akkasuma qabrii koos iida hin taasifatinaa (kan itti deddeebi'amee ayyaaneffatamu), salawaata narratti buusaa; salawaanni keessan bakkuma jirtanu irraa na qaqqabaa''

''Manneen keessan qabrii hin taasisinaa, akkasuma qabrii koos iida hin taasifatinaa (kan itti deddeebi'amee ayyaaneffatamu), salawaata narratti buusaa; salawaanni keessan bakkuma jirtanu irraa na qaqqabaa''

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Manneen keessan qabrii hin taasisinaa, akkasuma qabrii koos iida hin taasifatinaa (kan itti deddeebi'amee ayyaaneffatamu), salawaata narratti buusaa; salawaanni keessan bakkuma jirtanu irraa na qaqqabaa''.

[sirrii] [abuu daawud odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- manneen akka qabrii isii keessatti hin salaatamneetti salaata irraa ona taasisuu irraa dhoorgan. Akkasuma qabrii isaanii deddeebi'anii ziyaaruu fi isa biratti akkaataa baratamaa ta'een wolitti qabamuu irraa dhoorganiiru; waan sun karaa shirkiitti nama geessu ta'eef jecha. Akkasuma dachii keessatti iddoo kamittuu rahmataa fi nageenya isaan irratti buusuutti ajajan, dhugumatti sun dhihoos ta'ee fagoo irraa battaluma tokkotti waan isaan qaqqabuufi, kanaafuu qabrii isaanitti deddeebi'uuf dhimmi hin jiru.

فوائد الحديث

Manneen ibaadaa Rabbii ol ta'ee irraa onsuu irraa dhoorguudha.

Qabrii Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ziyaaruuf imaluu irraa dhoorguudha; waan isaan salawaata isaan irratti buusuu ajajanii, sun akka isaan qaqqabus himaniif jecha, galaan kan hidhatamuuf masjiida ziyaaruu fi isa keessatti salaatuu qofaafi.

Ziyaaraa qabrii Nabiyyichaa -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irrattu haa buusu- iida taasifachuun haraama ta'uudha, Haala addaa ta'eefi yeroo addatti qabame keessatti ziyaaraa isaa irra deddeebi'uun, akkasuma ziyaaraa qabrii hundaayyuu.

Yeroo hundaa fi iddoo hundatti rahmataa fi nageenya isaan irratti buusuu karaa gochuun, Karaamaa Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irrattu haa buusu- Rabbii isaanii birratti qaban agarsiisa.

Qabrii biratti salaatuu irraa dhoorguun sahaabota biratti waan beeekamaa ta'eef; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- manneen akka qabrii keessatti hin salaatamnee taasifamuu irraa dhoorgan.

التصنيفات

sadarkaa hojiilee gaggaarii