Osoo isin hirkannaa dhugaa Rabbirratti hirkattanii, akka allaattii razzaqutti silaa isiniis razzaqa ture, ganama garaa duwwaa bobbaatee galgala garaa guuttattee deebiti

Osoo isin hirkannaa dhugaa Rabbirratti hirkattanii, akka allaattii razzaqutti silaa isiniis razzaqa ture, ganama garaa duwwaa bobbaatee galgala garaa guuttattee deebiti

Umar ilma khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Inni Nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuu dhaga'e: "Osoo isin hirkannaa dhugaa Rabbirratti hirkattanii, akka allaattii razzaqutti silaa isiniis razzaqa ture, ganama garaa duwwaa bobbaatee galgala garaa guuttattee deebiti".

[sirrii] [ibnumaajah odeesse - tirmizii odeesse - ahmad odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi ngeenya isaan irratti haa buusu- Dhimmoota amantii fi duuniyaa keessatti bu'aa barbaaduu fi miidhaa deemsisuuf Rabbiin irratti akka hirkannu nu kakaasani, waan -Inni qulqullaa'e ol ta'e- Isa malee kan kennuu fi kan dhoorguu, akkasumas kan miidhuu fi kan fayyadu hin jirreef jecha. Akkasumas sababoowwan bu'aa fidduu fi miidhaa deebistu hojjachuudha, dhugaan Rabbirratti hirkachuu waliin, yeroo sana hojjannetti Rabbiin akkuma allaattii ganama beelaan baatee, eegasii immoo galgala garaa guuttattee deebituuti, hojiin allaattii kun gosa tokko kan sababoowwan rizqii barbaaduu irraa ta'eedha, hirkannaa sobaatii fi hifannaan maletti.

فوائد الحديث

Sadarkaa tawakkulli qabuu fi inni sababoowwan guddoo ittiin rizqiin barbaadaattamu keessaa tokko ta'uu isaati.

Tawakkulli sababoowwan hojjachuun wol hin faallessu, rizqii barbachuu keessatti ganamaan bahanii galgalaa deebi'uun tawakkula dhugaatiin wol akka faallessine waan himaniif jecha.

Shari'aan hojiiwwan qalbiitiif bakka kennuudha, tawakkulli hojiii qalbiiti waan ta'eef.

Sababoowwan qofa irratti rarra'uun hirdhina gama diiniiti, sababoowwan dhiisuun immo hirdhina aqliiti.

التصنيفات

sadarkaa hojii qlbii