Namni halkan tokko keessatti dhuma suuraa baqaraa irraa aayaa lameen qara'e isiin isaaf ni geessi

Namni halkan tokko keessatti dhuma suuraa baqaraa irraa aayaa lameen qara'e isiin isaaf ni geessi

Abuu Mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni halkan tokko keessatti dhuma suuraa baqaraa irraa aayaa lameen qara'e isiin isaaf ni geessi».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni halkan keessatti suuraa baqaraa irraa aayaa lameen dhumaa qara'e, Rabbiin hamtuu fi jibbamaa irraa isaaf ga'aadha, halkan dhaabbachuu irraas isaaf ga'aadhas jedhameera, zikriiwwan biroo irraas isaaf ga'aadhas jedhameera, akkanas jedhameera: isaan lameen Qur'aana qara'uu irraa irra xiqqaa waan salaata halkanii keessatti namaaf ga'u, kan biroos jedhameera, hundi waan dubbatamee sirrii kan jechitti of keessatti qabatu ta'uutu mala.

فوائد الحديث

Sadarkaa dhuma suuraa baqaraa ibsuutu keessa jira, aayaan sun jecha Rabbii ol ta'eeti: (Aamana Arrasuulu....) irraa kaasee hanga dhuma suuraatti.

Dhumni suuraa baqaraa halkan irraa yoo isii qara'e nama isii qara'e irraa badaa, hamaa fi shayxaana isa irraa deebisti.

Halkan aduun dhihuun eegala, fajriin ba'uun xumurama.

التصنيفات

sadarkaa suuraaleefii aayatootaa, zikriiwwan ganamaaf galgalaa