Hariira qallaa fi furdaas hin uffatinaa, meeshaa warqee fi meetii irraas hin dhuginaa, meeshaa isaan irraa hojjetame keessatti hin nyaatinaa, isheen addunyaa irratti isaaniifi (kaafitoota), Aakhiratti ammoo nuufi

Hariira qallaa fi furdaas hin uffatinaa, meeshaa warqee fi meetii irraas hin dhuginaa, meeshaa isaan irraa hojjetame keessatti hin nyaatinaa, isheen addunyaa irratti isaaniifi (kaafitoota), Aakhiratti ammoo nuufi

Abdurrahmaan bin Abii Leylaa irraa odeeffame, Isaan Huzeyfaa bira turan, Bishaan akka obaasan gaafatee, namichi majuusiin tokko isa obaase, meeshaa ittiin dhugan harka isaa keessa kaahee jennaan darbatee, akkas jedhe: osoon ani yeroo tokko ykn yeroo lama isa dhoorguu dhabee -akka waan akkas jedhu fakkaata: silaa kana hin dalagu- haa ta'u malee Nabiyyii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhuun dhagahe: «Hariira qallaa fi furdaas hin uffatinaa, meeshaa warqee fi meetii irraas hin dhuginaa, meeshaa isaan irraa hojjetame keessatti hin nyaatinaa, isheen addunyaa irratti isaaniifi (kaafitoota), Aakhiratti ammoo nuufi».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- dhiironni hariira gosa isaa hunda akka hin uffanne dhoorgan. Dhiirotaa fi Dubartoota meeshaa warqee fi meetaa keessatti akka hin nyaanne fi hin dhugne dhorganiiru. Guyyaa qiyaamaa isheen mu'umintoota qofaaf akka ta’e himaniiru; sababni isaas Rabbiif tole jechuuf biyya duniyaa keessatti ishee irraa waan fagaataniif jecha. Kaafiroonni ammoo jiruu Aakiraa keessatti ishee hin qabaatan; sababni isaas isaan jireenya duniyaa isaanii keessatti ishetti fayyadamanii, ajaja Rabbii diduu isaanitiin wantoota gaggaarii isaanii keessatti waan ariifataniif jecha.

فوائد الحديث

Dhiironni uffata hariiraa qallaa fi furdaas akka hin uffannee dhoorguu fi warra isa uffatan akka malee doorsisuudha.

Dubartootaaf hariira qalaa fi furdaa uffachuun ni hayyamamaadha.

Dhiirotaa fi dubartootaaf saanii fi meeshaa warqee fi meetaa keessatti nyaachuu fi dhuguu dhorgaa tahuudha.

Huzeyfaan Rabbiin irraa haa jaalatu, dubbii kana mormuu keessatti jabeessee, meeshaa warqee fi meetaa fayyadamuu irraa irradeddeebi'ee inni kan isa dhoorge tahuu ibseera, garuu inni baratee irraa dhoorgamuu hin dandeenye.

التصنيفات

naamusa uffataa