Firooma kutaan jannata hin seenu

Firooma kutaan jannata hin seenu

Jubayr ilma Mux'im irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- inni Nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataafi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuu dhaga'e: "Firooma kutaan jannata hin seenu".

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataafi nageenya isaan irratti haa buusu- namni haqa firoota isaa kan isaaniif dirqama ta'e isaan irraa kute yookaan azaa isaan godhee isaanitti balleesse, inni jannata seenuu dhabuu haqa godhataadha.

فوائد الحديث

Firooma kutuun badii guddoo badiiwwan gurguddoo irraa lakkaawamtuudha.

Firooma fufuun akkaataadhuma beekamuun ta'a, wal dhabiinsa iddoo, yeroo fi namootaatiin wol dhaba.

Firooma fufuun ziyaaraadhaan, sadaqaadhaan, isaanitti tola ooluun, dhukkubsattoota gaafachuun, toltuutti isaan ajajuun, hamtuu irraa isaan dhoorguu fi kan sana fakkaatan birootiin ta'a.

Firooma kutuun hanguma firummaan dhihaatuun diliin isaas haalaan jabaa ta'a.