إعدادات العرض
''Namni haala waan tokkollee Rabbitti hin qindeessineen Rabbiin wol gahe jannata seene, namni haala Isatti qindeessuun Isaan wol gahe immoo ibidda seene
''Namni haala waan tokkollee Rabbitti hin qindeessineen Rabbiin wol gahe jannata seene, namni haala Isatti qindeessuun Isaan wol gahe immoo ibidda seene
Jaabir ilma Abdullaahii irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhaniin dhaga'e: ''Namni haala waan tokkollee Rabbitti hin qindeessineen Rabbiin wol gahe jannata seene, namni haala Isatti qindeessuun Isaan wol gahe immoo ibidda seene".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tagalog ئۇيغۇرچە Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ Русский Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands සිංහල ไทย دری Български Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy or Română Kinyarwanda тоҷикӣ O‘zbek Akan नेपाली Moore Azərbaycan Wolof Soomaali Українська bm km rn ქართული Македонски Српскиالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni waan tokkollee haala Rabbitti hin qindeessineen du'e deebiin isaa gara jannataati badii isaa garii irratti yoo adabames, namni waan tokkollee ta'u haala Rabbitti qindeessuun du'e ibidda keessatti zalaalam teessifama jedhanii himan.فوائد الحديث
Sadarkaa tawhiidni qabuu fi akka inni dhugumaan ibidda keessatti zalaalam ta'uu irraa bilisa ba'uuf sababa ta'uudha.
Jannannii fi ibiddi garbichatti dhihoo ta'uu isaaniitii fi gidduu garbichaatii fi isaanii du'a malee wanti biraa akka hin jirreedha.
Shirkii irraa muraasa isaa fi hedduu isaa irrallee sodaachisuudha; ibidda irra bilisa ba'uun isa irraa fagaachuun waan ta'eef.
Hojiiwwan keessatti kan ilaalamu xumura isii akka ta'eedha.