إعدادات العرض
Namicha yeroo gurguru, yeroo bituu fi yeroo waan liqeesse deebisiifatu laafaa ta'e Rabbiin rahmata isaaf haa godhu
Namicha yeroo gurguru, yeroo bituu fi yeroo waan liqeesse deebisiifatu laafaa ta'e Rabbiin rahmata isaaf haa godhu
Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Namicha yeroo gurguru, yeroo bituu fi yeroo waan liqeesse deebisiifatu laafaa ta'e Rabbiin rahmata isaaf haa godhu".
[sirrii] [Bukhaariitu gabaase]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी සිංහල ئۇيغۇرچە Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands Kiswahili தமிழ் ไทย دری Български Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy or Română Kinyarwanda тоҷикӣ O‘zbek Akan नेपाली Moore Azərbaycan Wolof Soomaali Українська km bm rn ქართული Македонски Српскиالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama gurgurtaa isaa keessatti laafaa fi arjaa ta'e hundaaf rahamataan du'aa godhaniif; Nama bitutti gatii hin jabeessu, akkasumas haala gaariin isa keessummeessa, Laafaa arjaa kennaadha yeroo bitus; gatii cabsee meeshaa hin xinneessu, Akkasumas yeroo liqaa isa kaffaluu gaafatetti laafaa arjaa kennaadha; rakkataa fi haajomaa irratti hin jabeessu, inumaa laphe ba'aa fi suutumaan gaafata, rakkataaf immoo yeroo kennaaf.فوائد الحديث
Kaayyoo shari'aa irraa waan walitti dhufeenya gidduu namootaa tolchu tiksuudha.
Gurgurtaa, bittaa fi waan biroo kan hojiilee gidduu namootatti aragaman irraa ta'e keessatti irra ol aantuu akhlaaqaa fayyadamuutti kakaasuudha.
التصنيفات
amala gaarii