إعدادات العرض
Namni gara laafummaa dhoorgatame khayrii hunda dhoorgatameera
Namni gara laafummaa dhoorgatame khayrii hunda dhoorgatameera
Jariir irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaa Rabbii irraa akka odeessetti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni gara laafummaa dhoorgatame khayrii hunda dhoorgatameera».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt සිංහල Kurdî Português தமிழ் অসমীয়া Kiswahili ગુજરાતી Nederlands پښتو नेपाली Hausa മലയാളം Svenska Кыргызча Română ಕನ್ನಡ Српски తెలుగు ქართული Moore Magyar Македонски Čeština Kinyarwanda Українська Lietuvių Wolof Azərbaycan Malagasy ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ Deutsch دری አማርኛ ភាសាខ្មែរالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni dhimma duuniyaa fi diinii keessatti akkasuma dhimma ofii fi dhimma namoota biroo woliin raawwatu keessatti gara laafummaa dhoorgatame, dhugaan toltuu hunda dhoorgatamee jira jechuu himani.فوائد الحديث
Sadarkaa gara laafiinsi qabu, isa amaleeffachuutti kakaasuu fi gara jabina qeequudha.
Gara laafiinsa keessa toltuun biyya lamaa toora qabachuutu jira akkasuma dhimmoonni isaanii bal'achuutu jira, gara jabina keessa immoo faallaa isaatu jira.
Gara laafummaan amala toluu fi nagummaa irraa kan maddudha, gara jabinni immoo dallansuu fi amala dhabummaa irraa kan maddudha, kanaaf nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- faaruu daangaa darbeen gara laafummaa faarsan.
Aalimni salafaa guddaan sufyaan assawrii jedhamu -Rabbi isaaf haa araaramu- hiriyoota isaatiin akkas jedhe: gara laafummaan maal akka ta'e beektuu? inni wantoota bakka isiidhaaf malu kaa'uudha, gara jabina bakka isaaf malu, gara laafinas bakka isaaf malu, sayfiis bakka isaaf malu, alangaas bakka isaaf malu kaa'uudha.
التصنيفات
amala gaarii