إعدادات العرض
Jabaan kan wallaansoo qabee injifate osoo hin taane, dhugumatti jabaan isa yeroo dallansuutti lubbuu isaa too'atuudha
Jabaan kan wallaansoo qabee injifate osoo hin taane, dhugumatti jabaan isa yeroo dallansuutti lubbuu isaa too'atuudha
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Jabaan kan wallaansoo qabee injifate osoo hin taane, dhugumatti jabaan isa yeroo dallansuutti lubbuu isaa too'atuudha".
الترجمة
ar bn bs en es fa id tl tr ur zh hi fr ku ha pt ml te sw ta si my ru de ja ps vi as sq sv cs gu yo nl ug prs ff hu kn ky lt or ro rw sr uz mos ne wo so bg uk az ka tg bm mk el km am mgالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jabinni dhugaa jabina qaamaa akka hin taane yookaan isa namoota biroo humna qaban wallaansoon injifatu akka hin taane ifa galchani, dhugumatti humna qabeessi jabaan isa yeroo dallansuuun isatti jabaatutti lubbuu isaatti qabsaa'ee isii injifateedha; dandeettii lubbuu isaa to'achuu fi shayxaana injifachuu isaa wanti kun waan agarsiisuuuf.فوائد الحديث
Sadarkaa obsaatii fi yeroo dallansuutti lubbuu ofii to'achuun qabu, inni hojiiwwan gaggaarii islaamummaan itti kakaase keessa tokkoodha.
Yeroo dallansuutti lubbuu ofii irratti qabsaa'uun diina irratti qabsaa'uu irra jabaadha.
Islaamummaan madaallii jabina jaahiliyyummaa gara haala bareedduutti jijjiiruu isaati, humnaan irra jabaan namaa inni nama luugama lubbuu isaa to'ateedha.
Dallansuu irraa fagaachuudha, miidhaa inni dhuunfaa fi hawaasa irraan ga'uuf jecha.
التصنيفات
amala gaarii