Ani akkana jechuutu: Subhaanallaah, walhamdulillaah, wa Laa Ilaaha Illallaah, Wallaahu Akbar, waan aduun irratti baate irra ana biratti irra jaallatamaadha

Ani akkana jechuutu: Subhaanallaah, walhamdulillaah, wa Laa Ilaaha Illallaah, Wallaahu Akbar, waan aduun irratti baate irra ana biratti irra jaallatamaadha

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhan: «Ani akkana jechuutu: Subhaanallaah, walhamdulillaah, wa Laa Ilaaha Illallaah, Wallaahu Akbar, waan aduun irratti baate irra ana biratti irra jaallatamaadha».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechootawwan gurguuddoo kanneeniin Rabbbiin zakkaruun duuniyaa fi waan isii keessa jiru irra akka caalaa ta'e himani, isaanis: "Subhaanallaah": hirdhina irraa Rabbiin qulqulleessuudha. "Alhamdulillaah": isa jaallachuu fi isa guddisuu waliin sifa guutuun Rabbiin faarsuudha. "Laa Ilaaha Illallaah": haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru jechuudha. ''Allaahu Akbar": Rabbiin waan hunda irra guddaa fi olaanaadha jechuudha.

فوائد الحديث

Zikrii Rabbiitti kakaasuutu keessa jira, inni waan aduun irratti baate irra jaalatamaadha.

Zikrii heddumeessuutti kakaasuutu keessa jira; mindaan guddaan waan isa keessa jiruuf jecha.

Meshaan duuniyaa xiqqoodha, fedhiiwwan isiis dhabamtuudha.

التصنيفات

zikrii hindaaggeffamin