Toltuun hunduu sadaqaadha

Toltuun hunduu sadaqaadha

Jaabir ilma Abdullaahii irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: "Toltuun hunduu sadaqaadha".

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hundi toltuu fi jechaan yookaan gochaan namoota biroo fayyaduun sadaqaa akka ta'e himani, akkasumas mindaan isa keessa akka jiru himan.

فوائد الحديث

Sadaqaan qabeenya irraa waan ilmi namaa baasu qofaaan hin daangeffamtu, hunda toltuu ilmi namaa hojjatuu yookaan dubbatee namoota biroof qaqqabsiisuu walitti qabatti.

Toltuu fi hunda waan isa keessa namoota biroof faayidaan jiruu keessatti tattaaffachuutti kakaasuutu isa keessa jira.

Osoma waan xiqqoo ta'ellee toltuu irraa homaa tuffachuu dhabuudha.