Adaraa dhugaa qabadhaa, dhugaan gara toltuutti qajeelcha, toltuun immoo gara jannataatti qajeelcha waan ta'eef

Adaraa dhugaa qabadhaa, dhugaan gara toltuutti qajeelcha, toltuun immoo gara jannataatti qajeelcha waan ta'eef

Abdullaah ibnu mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Adaraa dhugaa qabadhaa, dhugaan gara toltuutti qajeelcha, toltuun immoo gara jannataatti qajeelcha waan ta'eef, hanga Rabbiin biratti akkaan dhugaa dubbataa jedhamee barraa'utti namichi dhugaa dubbachuu fi dhugaa barbaaduu irraa boodatti hin jedhu, adaraa soba irraa of eeggadhaa, sobni gara jal'inaatti qajeelcha, jal'inni immoo gara ibiddaatti qajeelcha waan ta'eef, hanga akkaan sobaa jedhamee Rabbiin biratti barraa'utti namichi sobuu fi soba barbaaduu irraa boodatti hin jedhu».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugaatti ajajanii, dhugaa aadeffachuun gara hojii gaarii itti fufaa ta'etti akka geessu himani, namni yeroo hundaa hojii toltuu irratti jiraatu nama isa hojjatu jannatatti qaqqabsiisa, iccitii fi ifa ba'aattis dhugaan isa irraa mul'atuu irraa hin deebi'u, isaan maqaa dhugaa dubbataa jedhu haqa godhata; inni dhugummaa keessatti daangaa darbuudha, eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sobaa fi jecha dharaa irraa sodaachisani; inni ragga'anii dhaabbachuu irraa dabuu fi hamtuu, yakkaa fi badii hojjaachuutti waan nama geessuuf jecha, eegasii ibbiddatti isa qaqqabsiisa, Rabbiin biratti sobaa jedhamee hanga barraa'utti soba heddummeessuu irraa boodatti hin jedhu.

فوائد الحديث

Dhugaa dubbachuun haala bareedaa carraaqqii fi qabsoon argamuudha, namichi dhugaa dubbachuu fi dhugaa barbaaduu irraa boodatti hin jedhu hanga dhugaan barmaatilee fi haala uumamaa isa ta'utti, Rabbiin biratti immoo dhugaa dubbattootaa fi worra gaggaarii keessatti barraa'a.

Sobni haala jibbamaa kan namni sobu yeroo hedduu isaa shaakaluu fi jechaa fi hojiin isa barbaaduu irraa kan ka'e isa argatuudha, hanga haalaa fi barmaatilee isaaf ta'utti, eegasii Rabbiin biratti sobdoota keessatti barraa'a.

Dhugaa jechi jedhu arrabni dhugaa dubbachuu jechuutu itti fedhama, inni faallaa sobaati, akkasuma yaada keessatti dhugoomuudha, inn ikhlaasa irraa lakkaawama, akkasuma toltuu yaade keessatti murannoon dhugoomuu fi hojii keessatti dhugoomuudha, irra gadi aanaan isaa keessoon isaatii fi bakkeen isaa tokko ta'uudha, akkasuma haala adda addaa keessatti dhugoomuudha, akka yeroo sodaa, kajeellaa fi kan biroo keessatti dhugoomuufaa, namni haala sana yookaan garii isaa uffate dhugaa dubbataa irraa ta'a.

التصنيفات

amala gaarii