Namni rizqiin isaa akka ballifamuuf, umuriin isaa akka dheereffamuuf jaallate, firooma isaa haa fufu (maxxanfatuu)

Namni rizqiin isaa akka ballifamuuf, umuriin isaa akka dheereffamuuf jaallate, firooma isaa haa fufu (maxxanfatuu)

Anas ilma Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Namni rizqiin isaa akka ballifamuuf, umuriin isaa akka dheereffamuuf jaallate, firooma isaa haa fufu (maxxanfatuu)".

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ziyaaraan, gargaarsa qaamaa fi qabeenyaatii fi kan birootiin firoowwan fufuutti kakaasani, isiin rizqiin bal'achuu fi umuriin dheerachuuf sababaadha.

فوائد الحديث

Firooma jechuun firottawwan karaa abbaa fi haadhaatiin jiranuudha, hanguma fira irra dhihoo ta'een fufuutti irra caalaa ta'a.

Mindaan fakkaatadhuma hojiiti, namni firummaa isaa gaarii fi toltuun fufe, Rabbiin immoo rizqii isaatii fi umurii isaati isaaf fufa.

Firooma fufuun rizqiin diriirfamuu fi bal'ifamuuf sababaadha, akkasumas dheerachuu umuriitiifis sababaadha, umurii fi rizqiin murtaa'aa yoo ta'ellee garuu barakaan rizqii fi umurii keessatti godhamuun ta'a, umurii isaa keessatti waan namni biraa hojjatu kan caaluu fi irra kan bu'aa qabu hojjata, akkasumas umurii fi rizqiin dabaluun dabaliinsa dhugaatis jedhameera. Rabbuma qofaatu beeka.