Rabbiin warra nama miidhuuf yeroo qabaaf, yeroo isa qabetti immoo gad isa hin dhiisu

Rabbiin warra nama miidhuuf yeroo qabaaf, yeroo isa qabetti immoo gad isa hin dhiisu

Abuu Muusa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Rabbiin warra nama miidhuuf yeroo qabaaf, yeroo isa qabetti immoo gad isa hin dhiisu» ni jedhe: eegasii Aayaa qur'aanaa kana qara'e: «{Akkuma kana Qabaan Rabbii keetii yeroo (warra) magaalota haala isiin miidhaa hojjattuun isii qabe, qabaan isaa akkaan laalessaa akkaan jabaadha} [suuraa Huud: 102]».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- badii fi shirkiin lubbuu ofii miidhuu fi haqa isaanii keessatti namoota miidhuu irraa sodaachisani, Rabbiin ol ta'e nama nama miidhuuf yeroo kennaaf, booda isa aansa, umurii fi qabeenya isaas ni dheereessa adabbii isatti hin jarjarsu; yoo hin toobanne miidhaan isaa waan heddummaateef qabaa gad isa hin lakkifne isa qaba. eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Aayaa Qur'aanaa kana qara'ani: {Akkuma kana Qabaan Rabbii keetii yeroo magaalota haala isiin miidhaa hojjattuun isii qabe, qabaan isaa akkaan laalessaa akkaan jabaadha} [suuraa Huud: 102].

فوائد الحديث

Namni sammuu qabu toobaatti ariifachuu qaba, badii irratti kan jiraatu yoo ta'e tooftaa Rabbii akka hin amanne.

Rabbiin zaalimtootaaf yeroo kennuun adabbiin isaanitti ariifachuu dhabuun, isaan daguu fi yoo kan hin toobanne ta'e adabbii isaanii dachaa taasisuufi.

zulmiin sababaawwan Rabbiin ummata ittiin adabu irraati.

Rabbiin magaalaa tokko yoo balleesse namoonni gaggaariin isii keessa jiraachuutu mala, isaan kun guyyaa qiyaama gaarii irraa waan irratti du'an irratti kaafamu, adabbiin duuniyaa isaan qaqqabuun isaan hin miidhu.

التصنيفات

aqiidaa, tawhiida maqaaleefii sifaataa, amala badaa