Namni bakka tokko qubatee eegasii, A'uuzu bikalimaati Allaahi attaammaati Minsharri Maa Khalaq jedhe, qubsuma isaa sana irraa hanga imalutti homaa isa hin miidhu

Namni bakka tokko qubatee eegasii, A'uuzu bikalimaati Allaahi attaammaati Minsharri Maa Khalaq jedhe, qubsuma isaa sana irraa hanga imalutti homaa isa hin miidhu

Khawlaa bintu Hakiim Assulaymiyyaa irraa akka odeeffametti ni jetti: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Namni bakka tokko qubatee eegasii, A'uuzu bikalimaati Allaahi attaammaati Minsharri Maa Khalaq jedhe, qubsuma isaa sana irraa hanga imalutti homaa isa hin miidhu».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata iisaanii gara tikfamuu fi gara isaa deebi'uu bu'a qabeessa ta'e kan isaan yeroo namni dachii irraa bakka wohii qubatetti wanti ilmi nama sodaatu hundi isaan nama irraa deebi'uutti qajeelchani, imala irratti ta'us yookaan boqonnaaf ta'us yookaan waan biraatiifis ta'u: sadarkaa isaa, barakaa isaatii fi bu'aa isaatiin jechoota Rabbii guutuu ta'ee fi hirdhina hunda irraa bilisa kan ta'een tikfamuu fi gara isaa deebi'uun, hamtuu uumama hunda hamtuun isa keessa jiru irraa, qubsuma isaa sana keessatti hanga bakka san jiraatetti nageenya aragata.

فوائد الحديث

Maganfannaan ibaadaadha, inni isa Rabbiin yookaan maqoolee isaatii fi sifoota isaatiin ta'eedha.

jecha Rabbiitiin maganfachuun eeyyamamaa ta'uu isaa, sifaata Rabbii irraa waan ta'eef jecha, faallaa uumama kamiinuu maganfachuuti, inni immoo shirkiidha.

sadarkaa fi barakaa du'aa'iin kun qabuudha.

zikriidhaan eegamuun sababaa gabrichi hamtuu irraa ittiin tikfamuudha.

waan Rabbiin malee jiru, jinnii, falfaltoota, kijibdootaa fi kanneen birootiin maganfachuu balleessuutu keessa jira.

bakk jireenyaa yookaan imalatti nama bakka wohii qubateef du'aa'iin kun karaa godhamuu isaa.

التصنيفات

waan dhufeef zikrii jedhan