“Warri rahmata namaa godhan, Rahmaan(Rabbiin) rahmata godhaaf, warra dachii irra jiraniif rahmata godhaa, Inni samii keessa jiru rahmata isiniif godhaaa”

“Warri rahmata namaa godhan, Rahmaan(Rabbiin) rahmata godhaaf, warra dachii irra jiraniif rahmata godhaa, Inni samii keessa jiru rahmata isiniif godhaaa”

Abdullaah ilma Amarii irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: “Warri rahmata namaa godhan, Rahmaan(Rabbiin) rahmata godhaaf, warra dachii irra jiraniif rahmata godhaa, Inni samii keessa jiru rahmata isiniif godhaaa”.

[Sahih/Authentic.] [At-Tirmidhi]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namoota nama birootif rahmata godhan, Rabbiin rahmata Isaa waan hundumaa hammateen mindaa dalagaa isaanii gituun rahmata akka isaanif godhu ibsan. Ergasii isaan(nabiyyiin) nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, namas ta'ee ykn bineensa ykn simbirroo ykn gosoota uumamaa irraa waan biroos ta'ee wantoota dachii irra jiran hundaaf rahmata gochuutti ajajan, midaan saniitis Rabbiin samiiwwan gubbaa rahmata isaanif gochuu akka ta'e ibsaniiru.

فوائد الحديث

Amantiin Islaamaa amantii rahmataa yoo ta’u, innis hundummaan isaatuu Rabbiif ajajamuu fi uumamaaf tola ooluu irratti hundaa’aadha.

Rabbiin ol ta'e rahmata gochuun kan beekamu yoo ta’u, Inni -qulqullaa'e- akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaadha, rahmataas gara gabroota Isaatti geessaadha.

Mindaan fakkaatuma hojii waan ta'eef, namoota namaafis ta'ee waan biraatif rahmata godhan Rabbiin rahmata godhaaf.