إعدادات العرض
Worri haqaan murteessan (guyyaa qiyaamaa) Rabbiin biratti teessoowwan ifa irraa ta'e irratti, gara mirga rahmaaniin ta'ani, harki Isaa lameenuu miraga
Worri haqaan murteessan (guyyaa qiyaamaa) Rabbiin biratti teessoowwan ifa irraa ta'e irratti, gara mirga rahmaaniin ta'ani, harki Isaa lameenuu miraga
Abdullaah ilma Amri irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Worri haqaan murteessan (guyyaa qiyaamaa) Rabbiin biratti teessoowwan ifa irraa ta'e irratti, gara mirga rahmaaniin ta'ani, harki Isaa lameenuu miraga, isaannan murtoo isaanii keessatti, maatiiwwan isanii fi waan irraatti muudaman irratti haqa eeggatan".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी සිංහල Kurdî Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە Hausa ไทย دری Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių or Română Kinyarwanda Српски O‘zbek Moore नेपाली Malagasy тоҷикӣ Wolof Soomaali Български Українська Azərbaycan ქართული bm Македонскиالشرح
Nabiyyiin -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaannan namoota bulchiinsa isaanii jala jiran, murtoo isaanii jala jiranii fi maatii isaanii gidduutti haqaa fi dhugaan murteessan guyyaa qiyaamaatti kabajaa isaaniif jecha teessoowwan haalaan ol fuudhamoo ifa irraa uumaman irra taa'u jedhanii himan. Teessowwan kun mirga rahmaanitti argamu, harki Isaa lameenuu -Inni qulqullaa'e- mirgaadha.فوائد الحديث
Sadarkaa haqaan murteessuun qabuu fi isa irratti kakaasuudha.
Haqaan murteessuun bulchiinsa hundaa fi namoota gidduutti murtoo gochuu of keessatti qabata, inumaayyuu haadha manaa, ilmaanii fi kanneen biroo gidduutti haqaan murteessuunis isuma irraayi.
Sadarkaa worri haqaan murteessanu guyyaa qiyaamaatti qaban ibsuudha.
Sadarkaan worra iimaanaa guyyaa qiyaamaatti akka wol dhabaa ta'e agarsiisa, hunduu akkaataa hojii isaatiini.
Mala kajeelchisuutiin barsiisuun maloowwan da'awaa itti geessan keessaa isii nama waamamu rabbiif ajajamuutti kakaastu keessaayi.
التصنيفات
amala gaarii