Rabbiin biratti akkaan irra jibbamaan namootaa nama falmii gogaa falmuudha

Rabbiin biratti akkaan irra jibbamaan namootaa nama falmii gogaa falmuudha

Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Rabbiin biratti akkaan irra jibbamaan namootaa nama falmii gogaa falmuudha".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e namoota irraa nama falmii jabeessuu fi heddummeessu kan haqa jala butamuu hin qeeballe, falmii isaatiin haqa deebisuu kan yaalu, yookaan haquumaan kan falamu garuu falmii kessatti daangaa darbuun giddu galeessummaa keessaa of baasa, akkasumas beekumsaan maletti kan falamu akka jibbu himani.

فوائد الحديث

Namni miidhame karaa iyyannoo shari'aatiin haqa isaa barbaaduun gosoota falmii jibbamaa keessa hin ssenuudha.

Falmii fi wol mormiin balaa arrabaa tan adda faca'uu fi muslimoota gidduutti dugda wolitti galuuf sababbaa taatu keessa tokkoodha.

Falmiin yoo haqa keessattti taatee fi karaa isii bareedaan yoo taate faarfamtuudha, haqa deebisuu fi badii raggaasisuuf yoo taate yookaan ragaan malee yoo taate immoo jibbamtuudha.

التصنيفات

sadarkaaleefii naamusoota, amala badaa