Muslimni lama (wol ajjeesuuf jecha) seyfii isaaniitiin yoo wal qunnaman, kan ajjeeses kan ajjeefames ibidd keessatti ta'an

Muslimni lama (wol ajjeesuuf jecha) seyfii isaaniitiin yoo wal qunnaman, kan ajjeeses kan ajjeefames ibidd keessatti ta'an

Abuu bakirah irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii akkas jedhuun dhaga'e: "Muslimni lama (wol ajjeesuuf jecha) seyfii isaaniitiin yoo wal qunnaman, kan ajjeeses kan ajjeefames ibidd keessatti ta'an>> nan jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii: inni kun isa ajjeese, kan ajjeefame immoo maaliifi? ni jedhan: "dhugumatti innis saahiba isaa ajjeesuuf bololaadha ture".

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslimni lama haala lameen isaaniituu saahiba isaa balleessuuf yaadaaa ta'een yoo seyfii isaan lameenitiin wal qunnaman; inni ajjeese sababaa ajjeechaa saahiba isaa kallattiin raawwateef ibidda keessatti ta'aadha himan, Kan ajjeefame immoo akkamitti ibidda keessatti ta'a jechuun sahaabota dhibe? innis waan saahiba isaa ajjeesuu yaadaa tureef jecha ibidda keessatti akka ta'u Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- himan, ajjeesuu irraa homaa isa hin dhoorgine inni ajjeese daddafee isa dursuu isaa malee.

فوائد الحديث

Namni qalbii isaatiin badii irratti murteeffatee ka'ee sababoowwan isii raawwate adabbii haqa godhachuudha.

Musimoonni wol ajjeesuu irraa sodaachisa jabaa fi isa irratti ibiddaan dinniinuudha.

Muslimoota gidduutti haqaan wol ajjeesuun dinniinicha san keessa hin galu, sun akka shiftootafi balleessitoota ajjeesuuti.

Namni badii guddaa dalage isiidhuma hojjachuu qofaan hin kafarsiifamu; sababni isaas Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- worra wol ajjeesan muslimoota jedhanii waan waamaniif jecha.

Muslimoonni lama waan ittiin ajjeechaan argamu kamiiniyyuu yoo wol ga'anii inni tokko isa tokko ajjeese, kan ajjeeses kan ajjeefames ibidda keessatti ta'aadha himan, hadiisa keessatti seyfii qofa dubbachuun akka fakkeenyaatti.