Rabbiin suuraa keessanii fi qabeenya keessan hin ilaalu, garuu kan Inni ilaalu qalbii keessanii fi hojii keessani

Rabbiin suuraa keessanii fi qabeenya keessan hin ilaalu, garuu kan Inni ilaalu qalbii keessanii fi hojii keessani

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Rabbiin suuraa keessanii fi qabeenya keessan hin ilaalu, garuu kan Inni ilaalu qalbii keessanii fi hojii keessani".

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e suuraa gabrootaa fi qaama isaanii, isiin bareedduudha moo yookaan fokkattuudha? isiin guddoodha moo yookaan xiqqoodha? isiin fayyaadha moo yookaan dhukkubsattuudha? jedhee akka hin ilaalle ifa galchan. Akkasumas qabeenya isaani, isiin hedduudha moo yookaan muraasa? jedhee hin ilaalu Rabbiin injifate ol ta'e gabroottan Isaa wantoota kanaa fi isaan keessatti wal caaluu isaaniitiin isaan hin herregu, garuu kan ilaalu gara qalbii isaaniitii fi taqwaa, yaqiina, dhugummaa fi ikhlaasa isii keessa jiru ilaala, yookaan argisiifannaa fi na haa dhaga'anii fedhe moo maal fedhe jechuu ilaala, akkasumas hojii isaanii gaarii ta'uu fi badaa ta'uu isii ilaala, isii irratti mindaa fi ajriis kenna.

فوائد الحديث

Haala jibbamaa hunda irraa qalbii tolchuu fi isii qulqulleessuutti xiyyeeffachuudha.

Qalbiin toluun ikhlaasaan ta'a, hojiin toluun immoo Nabiyyii hordofuun ta'a -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan lameentu iddoo Rabbiin ol ta'e ilaaluu fi isa biratti yaada keessa galanuudha.

Ilmi namaa qabeenya isaa, bareedinaa isaa, qaama isaatii fi haala duuniyaa kana irratti muldhatu tokkoonuu gowwoomuu hin qabuudha.

Keessoo osoo hi tolchin waan bakkeetti muldhatu qofa irratti hirkachuu irraa sodaachisuudha.

التصنيفات

tawhiida maqaaleefii sifaataa, hojiilee qalbii