إعدادات العرض
Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera
Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera
Shaddaad ilma Aawsii irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: waa lama Ergamaa Rabbii irraan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haffaze, ni jedhan: "Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera yeroo ajjeeftan ajjeechaa tolchaa, yeroo gorraatan gorraasuu tolchaa, tokkoon keessan yeroo gorra'u billaa isaa haa qarfatu, gorraasuu isaa haa boqachiisu".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tagalog ئۇيغۇرچە Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ Русский Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip සිංහල دری Svenska አማርኛ Čeština Fulfulde ગુજરાતી Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy Nederlands or Română Kinyarwanda Српски тоҷикӣ ไทย O‘zbek Yorùbá Moore नेपाली Wolof Soomaali Български Українська Azərbaycan bm ქართული Македонскиالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-Rabbiin waan hundaaf tola ooluu nurratti dirqama akka godhe himan, tola ooluun: walitti fufiinsaan, ibaadaa isaa fi toltuu uumamtootaaf gumaachee hamtuu isaan irraa qabuu keessatti Rabbiin ofirratti too'achuudha, sana keessaa gorraasuu fi ajjeesuu keessatti tola ooluudha. Yeroo gumaa baasanitti ajjeechaa keessatti tola ooluun: karaa irra laafaa, irra salphaa fi dhiiga nama ajjeefamuu buusuu keessatti irra ariifachiisaa ta'e filachuudha. Qalma keessatti tola ooluun yeroo gorraasuutti ta'a: meeshaa ittiin gorra'amu qarsuun horiif rahmata ooluni, horiin gorra'amtu osoo isiin ilaaltuu meeshaan ittiin gorra'amu qarfamuu dhabuuni, akkasumas osoo horiin biraa kan ilaaltu bira jirtuu gorra'uu dhabuuni.فوائد الحديث
Rahmataa fi mararfannaa Rabbiin uumamtootaaf qabuudha.
Ajjeechaa fi gorraasuu tolchuu jechuun akka itti karaa godhameen raawwachuu jechuudha.
Guutina shari'aa fi khayrii hunda walitti qabachuu isaati, sana irraa lubbu qabeeyyiif rahmata gochuu fi jaraaf laphee baachuudha.
Booda nama ajjeesanii qaama isaa kukkutuu irraa dhoorguudha.
Hunda waan lubbu qabeeyyii cinquun isa keessa jiruu haraama taasisuudha.