إعدادات العرض
Hin dallanin
Hin dallanin
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-: Namtichi tokko Nabiyyiidhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- na gorsi jedheen: (Nabiyyiinis): "Hin dallanin" jedhaniin, gurbichi irra deddeebi'ee gaafannaan, isaanis deebi'anii akkana jedhaniin: "Hin dallanin".
[sirrii] [Bukhaariitu gabaase]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili فارسی မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands සිංහල தமிழ் ไทย دری Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių or Română Kinyarwanda Српски O‘zbek Moore नेपाली Malagasy тоҷикӣ Wolof Soomaali Български Українська Azərbaycan ქართული bm Lingala Македонскиالشرح
Sahaabaan tokko -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- gara waan isa fayyadu tokkootti akka isa qajeelchan nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa barbaadee jennaan, isaanis dallanuu dhabuutti isa ajajani, akkas jechuun sababoowwan gara dallaansuutti isa geessan irraa fagaachuu jechuudha, akkasumas yeroo dallansuun isa mudatetti lubbuu isaa to'achuudha, ajjeechaadhaan yookaan rukuttaadhaan yookaan arrabsuu fi waan sana fakkaatan raawwachuun dallansuu isaa keessatti hafuu hin qabu. gurbichi dhaamsa barbaaduu yeroo hedduu irra deddeebi'e, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- "Hin dallanin" jechuu malee hoomaa isaaf hin daballe.فوائد الحديث
Dallansuu fi sababoowwan isaa irraa baqachiisuudha, isatu walitti qaba hamtuuti, isa irraa eeggachuun walitti qaba toltuuti.
Yeroo dhoorgaan Rabbii cabsame Rabbiif jecha dallanuun dallansuu faarfamaa irraayi.
Yeroo barbaachisaa ta'etti haasaa irra deddeebi'uu hanga namni dhaggeeffatu hubatee barbaachisummaa isaa barutti.
Sadarkaa beekaa irraa dhaamsa barbaaduun qabuudha,
التصنيفات
amala gaarii