إعدادات العرض
Tokkoon keessan hin amanu hanga ani abbaa isaa, ilma isaa fi namoota hunda irra isa biratti irra jaallatamaa ta'utti
Tokkoon keessan hin amanu hanga ani abbaa isaa, ilma isaa fi namoota hunda irra isa biratti irra jaallatamaa ta'utti
Anas ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Tokkoon keessan hin amanu hanga ani abbaa isaa, ilma isaa fi namoota hunda irra isa biratti irra jaallatamaa ta'utti».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili မြန်မာ ไทย Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands සිංහල தமிழ் دری Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy Română Kinyarwanda नेपाली Српски Soomaali Moore Українська Български Wolof Azərbaycan ქართული тоҷикӣ bmالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslimni tokko hanga jaalala haadha isaa, abbaa isaa, ilma isaa, intala isaa fi namoota hunda irra jaalala ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dursutti iimaanni isaa guutuu akka hin taane nuuf himani, jaalalli kun isaaniin buluu, isaaniif tumsuu fi badii dhiisuu murteessiti.فوائد الحديث
Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jaallachuu fi jaalala uumama hundaa irra isa dursuun dirqama ta'uu isaa.
mallattoo jaalalli isaaniif qabanu guutuu ta'uu isaa irraa: sunnaa ergamaa Rabbiitiif tumsuu fi sana irratti lubbuu fi qabeenya aarssa gochuudha.
jaalalli ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan isaan ajajan keessatti isaaniin buluu, waan isaan himan keessatti isaan dhugeessuu, waan isaan irraa dhoorgan irraa fagaachuu fi waan haarawa dhiisanii isaan hordofuu murteessa.
haqani nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haqa namoota hundaa irra jabaa fi murteessadha; jallina irraa qajeelinattti dhufuu keenyaa fi ibidda irraa najaa baanee jannata seenuuf sababaa waan ta'aniif jecha.
التصنيفات
hojiilee qalbii