Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame

Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame

Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame".

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti salaatonni shanan kan guyyaa fi halkan keessatti dirqama godhamanii fi salaanni jumu'aa torbaan hunda salaatamuu fi woggaa hunda baatii Ramadaanaa soomuun ulaagaa badiiwwan gurguddoo irraa fagaachuutiin badiiwwan xixiqqoo isaan gidduutti raawwatamte ni haqan jechuudha himan. Badiiwwan gurguddoon akka sagaagalummaa fi farsoo dhuguuti, isiin tawbaan malee hin haqamtu.

فوائد الحديث

Badiiwwan irraa gurguddoo fi xixiqqootu jira.

Baddiiwwan xixiqqoon haqamuuf badiiwwan gurguddoo irraa fagaachuun dirqama.

Badiiwwan gurguddoon isii duuniyaa irratti adabbiin isiidhaaf dhufeedha, yookaan kan Aakhiraatti sodaachifni adabbiidhaan, yookaan dallansuun, yookaan akeekkachiisaan, yookaan nama isii dalge abaaruun, kan isiidhaaf dhufeedha, sun waan akka sagaagalummaa fi farsoo dhuguufaadha.

التصنيفات

sadarkaaleefii naamusoota, sadarkaa hojiilee gaggaarii, sadarkaa salaataa