إعدادات العرض
Namicha tokko kan namootaaf waa liqeessutu ture, gurbaa isaatiin akkas jedha ture: yeroo rakkataatti dhufte irra isaaf darbi, Rabbiin irra nuuf darbuutu mala
Namicha tokko kan namootaaf waa liqeessutu ture, gurbaa isaatiin akkas jedha ture: yeroo rakkataatti dhufte irra isaaf darbi, Rabbiin irra nuuf darbuutu mala
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Namicha tokko kan namootaaf waa liqeessutu ture, gurbaa isaatiin akkas jedha ture: yeroo rakkataatti dhufte irra isaaf darbi, Rabbiin irra nuuf darbuutu mala, eegasii Rabbiin wol gahee jennaan Rabbiinis irra isaaf darbe".
[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands සිංහල தமிழ் ไทย دری Български Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy or Română Kinyarwanda тоҷикӣ O‘zbek Akan नेपाली Moore Azərbaycan Wolof Українська km bm rn ქართული Македонски Српскиالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha liqaan namootaa waliin hojjatu yookaan beellamaan isaanitti gurguru irraa dubbatan, Ilma isaa kan liqaa namoota bira jiru sassaabuun akkas jedha ture: Yeroo nama waa liqeeffatee rakkina isaa irraa waan liqaa ittiin kaffalu hin qabne "irra isaaf darbi" yookaan isaaf tursiisuun, akkasumas gafachuu keessatti isatti jabeessuu dhabuun, Yookaan hirdhuu yoo ta'ellee waan inni qabu qeebaluuni, sun kaka'umsa isa irraa ta'ee fi Rabbiin irra isaaf darbuu fi isaaf dhiisuu kajeeluudhaaf jecha. Yeroo inni du'e Rabbiin isaaf dhiisee badiiwwan isaa irra isaaf darbe.فوائد الحديث
Namootaa waliin hojjachuu keessatti isaanitti tola ooluun, dhiifama isaani gochuunii fi rakkataa isaanii irra darbuuniif irra guddaa sababaawwan guyyaa qiyaamaa garbicha bilisa baasan irraayi.
Namootatti tola ooluun, Rabbiif qulqulleessuunii fi rahmata isaa kajeeluun sababoowwan badiin itti namaaf dhiifaman irraayi.
التصنيفات
amala gaarii