nama toltuutti qajeelcheef fakkaataa mindaa nama isa hojjateetu isaaf jira

nama toltuutti qajeelcheef fakkaataa mindaa nama isa hojjateetu isaaf jira

Abuu Mas'uud Al-ansaarii irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun malli na harkaa badee karaan natti cufame waanan yaabbadhee deemu naaf kenni jedheen, Nabiyyiinis "Hin qabu" jedhaniin, namichi tokko yaa ergamaa Rabbii, anatu nama yaabbannaa isaaf kennutti isa qajeelcha jedhee, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: "nama toltuutti qajeelcheef fakkaataa mindaa nama isa hojjateetu isaaf jira".

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Namichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: yaabbannaan koo na jalaa badde, horii irratti na baadhu, yaabbannaa bakka dhimmaatiin na gahu naaaf kenni, Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan kennanuuf akka hin qabne itti himani, namichi tokko kan isaan bira ture wohii, yaa ergamaa Rabbii, anatu nama yaabbannaa isaaf kennutti isa qajeelcha jedhe, achumaan ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mindaa keessatti nama sadaqaa kennateen shariika akka inni ta'e himani, abbaa dhimmaa gara nama dhimma isaaf baasutti waan qajeelcheef jecha.

فوائد الحديث

Toltuutti qajeelchuutti kakaasuudha.

Hojii khayrii hojjachuutti wol kakaasuun sababaa hawaasni muslimaa ittiin wol bira dhaabbatuu fi ittiin wol guutu keessaa isa tokkoodha.

Tolli Rabbii ol ta'ee bal'aa ta'uu isaati.

Hadiisichi foormulaa walii galaati, hundi hojii toltuu ta'ee isa keessa seena.

Ilmi namaa ofii isaatii fedhii gaafataa guutuun yoo hin miijjanneef, nama biraa kan guutuufii danda'utti isa qajeelcha.

التصنيفات

amala gaarii