إعدادات العرض
Namni guyyaa jumu'aa dhiqannaa janaabaa dhiqatee egasii (gara jumu'aa) deeme, akka waan gaala saddaqaa baaseti
Namni guyyaa jumu'aa dhiqannaa janaabaa dhiqatee egasii (gara jumu'aa) deeme, akka waan gaala saddaqaa baaseti
Abuu Hrayraa irraa odeeffame -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni guyyaa jumu'aa dhiqannaa janaabaa dhiqatee egasii (gara jumu'aa) deeme, akka waan gaala saddaqaa baaseti, namni sa'aatii lamatti deeme, akka waan sa'a saddaqateeti, namni sa'aati sadi'itti deeme akka waan hoolaa gaafa qabdu saddaqateeti, namni sa'aati afuritti deeme, akka waan lukkuu sadaqateeti, namni sa'aatii shanitti deeme, akka waan killee saddaqateeti, imaamni (khuxbaaf) yeroo ba'etti malaaykaan zikrii(khuxbaa) dhaggeeffachuuf jecha argamu».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Português Kurdî සිංහල অসমীয়া Kiswahili Tiếng Việt ગુજરાતી Nederlands پښتو नेपाली മലയാളം Svenska Кыргызча Română ಕನ್ನಡ Српски తెలుగు ქართული Moore Magyar Македонски Čeština Kinyarwanda Українська Lietuvių አማርኛ Wolof Azərbaycan Malagasy ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری Deutsch ភាសាខ្មែរالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadarkaa ganameeffatanii salaata jumu'aa deemuun qabu himani, ganameeffachuun aduun ba'uu irraa eegalee hanga imaamni dhufutti itti fufa; inni sa'aatii shan ta'a, aduun ba'uu irraa hanga imaamni seenee khuxbaaf minbara irra ba'uutti sa'aatiileen gidduu kana jiran akkaataa yerootiin bakka shanitti qoodamu. Kan jalqabaa: akka dhiqannaa janaabaatti dhiqannaa guutuu nama dhiqatee, eegasii sa'aatii jalqabaa irratti gara masjiida jumu'aa kan deeme, inni akka nama gaala saddaqateeti. Lammaffaan: nama sa'aatii lammaffaa irratti deeme, inni akka waan sa'a saddaqateeti. Sadaffaan: nama sa'aatii sadaffaatti deeme, inni akka waan hoolaa korbeessa gaafa qabu saddaqateeti. Afraffaan: nama sa'aatii afraffaatti deeme: inni akka waan lukkuu saddaqateeti. Shanaffaan: nama sa'aatii shanaffaatti deeme, inni akka waan killee saddaqateeti. Yeroo imaamni khuxbaadhaaf minbaratti ol ba'etti; malaaykonni worra masjiida ol seenan barreessuuf ulaa irra taa'aa turan barreesuu irraa dhaabbatanii, zikrii fi khuxbaa dhaggeeffachuuf dhufu.فوائد الحديث
Guyyaa jumu'aa dhiqachuutti kakaasuudha, dhiqannaan sun immoo salaata deemuun duratti ta'a.
Sadarkaa salaata jumu'aatti sa'aatii jalqabaa irraa ka'ee ganameeffachuun qabuudha.
Hojii gaarii hojjachuutti ariifachuutti kakaasuutu keessa jira.
Malaaykoonni salaata jumu'aa irratti argamuu fi khuxbaa dhaggeeffachuu isaaniiti.
Malaa'ikoowwan balabaloota masjiidowwanii irra dhaabbatanii, salaata jumu'aatiif nama gara masjiidaatti dhufu tokko tokkoon tartiiba dhufaatii isaniitiin barreessu.
Aalimni guddaan ibnu rajab jedhamu akkas jedha: jechi isaanii: "namni guyyaa jumu'aa dhiqatee eegasii deeme" jedhu, dhiqannaan jaallatamaan guyyaa jumu'aa jalqabni isaa fajriin ba'uu akka ta'e, xumurri isaa immoo gara jumu'aatti deemuu akka ta'e akeeka.