إعدادات العرض
Du'aa'in azaanaa fi iqaamaa jidduutti hin deeffamu
Du'aa'in azaanaa fi iqaamaa jidduutti hin deeffamu
Anas bin Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irra haa jiraatuu- akkana jedhan: «Du'aa'in azaanaa fi iqaamaa jidduutti hin deeffamu».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Português සිංහල Nederlands অসমীয়া Tiếng Việt Kiswahili ગુજરાતી پښتو አማርኛ ไทย Română മലയാളം Deutsch नेपाली Кыргызчаالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sadarkaa Du'aa'iin waamicha azaanaa fi iqaama gidduutti godhamu qabu, inni akka hin didamnee fi deebii argachuu akka qabu ibsaniiru, kanaaf yeroo kana keessatti Rabbiin kadhadhaa.فوائد الحديث
Sadarkaa yeroo kana kadhachuun qabuudha.
Kadhataan naamusa kadhannaa hordofee, bakkoolee isaa fi yeroo isaa kan sadarkaa qabu keessatti yoo kadhate, Rabbiif ajajamuu diduu irraa fagaachuun, waan shakkii qaban keessa akka hin kufne yoo of eegee, Rabbitti yaada yoo tole, fedha Rabbiitin Rabbiin isaaf awwaachuun ni mala.
Manaawiin waa’ee du'aa'iin qeebalamuu ilaalchisee akkana jedhe: Jechuunis: haal-duree, utubaalee fi naamusaalee kadhannaa erga walitti qabee boodaadha, isaan keessaa tokko yoo hafe ofii isaa malee nama komatu hin qabu.
Du'aa'iin qeebalamuun: Yookaan kadhannaan isaa isaaf ni ariifata, yookaan hammeenyi walfakkaataan isa irraa ni deebi'a, yookaan immoo aakiratti isaaf ol kaayamaaf; Kunis akka ogummaa fi rahmata Rabbiitin.