إعدادات العرض
Yaa Rabbi, qananiin kee baduu irraa, fayyaan geeddaramuu irraa, balaa tasaa fi dallansuu kee hundumaa irraa sitti maganfadha
Yaa Rabbi, qananiin kee baduu irraa, fayyaan geeddaramuu irraa, balaa tasaa fi dallansuu kee hundumaa irraa sitti maganfadha
Abdullaah bin Umar irraa odeeffame Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe: Du'aa'ii Ergamaa Rabbii keessaa tokko kana ture, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu: «Yaa Rabbi, qananiin kee baduu irraa, fayyaan geeddaramuu irraa, balaa tasaa fi dallansuu kee hundumaa irraa sitti maganfadha».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt සිංහල Hausa Kurdî Português தமிழ் Русский Nederlands অসমীয়া Kiswahili ગુજરાતી پښتو አማርኛ ไทย Românăالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan afur irraa maganfatan: Inni duraa: (Yaa Rabbi baduu qananii kee irraa sitti maganfadha) kan amantii fi kan addunyaa, akkasumas Islaamummaa irratti ragga'ee, dilii qananii nama irraa ooftu keessatti kufuu irraa fagaachuu si kadhadha. Inni lammaffaan: (fayyaan geeddaramuu) gara balaatti ishee jijjiiruu irraa sitti maganfadha; Fayyaa itti fufiinsa qabuu fi dhukkubbii fi dhukkuboota adda addaa irraa nagaa ta'uu si kadhadha. Sadaffaa: (balaa tasaa irraa) dhiphina ykn balaa garagaraa irraa sitti maganfadha, balaan akkasii sun tasa yoo dhufte, yeroon tawbaa fi sirreeffamaaf qophaa'an hin jiru, haala kanatti immoo balaan sun daran cimaa fi irra hamaa ta’a. Afraffaa: (dallansuu kee hundumaa) fi sababoota dheekkamsa kee fidan irraa sitti maganfadha; namni ati itti dallante badee hoongahe. Ergamaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jecha dachaa waa hunda walittii qabatu fayyadaman; jechoota, gochoota fi amantiilee irraa sababoota dheekkamsa Isaa -Inni qulqullaa'e ol ta'e- hunda akka hammatuuf jecha.فوائد الحديث
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gara Rabbii ol ta'etii haajamaniidha.
Maganfachuun barakaa kun wantoota akka: qananiif galata galchuu irratti milkaa’ina argachuu fi qananii waan nama irraa deemsisuuf jecha dilii keessatti akka hin kufne eegumsa qabaachuu of keessatti hammateera.
Eddoo Rabbiin itti dallanu irraa fagaachuu irratti bololuudha.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dheekkamsi Rabbii ol ta'ee akka tasa itti hin dhufne maganfatan: Sababni isaas Rabbiin yoo gabricha irraa haaloo ba’e balaa inni ofirraa deebisuu hin dandeenye, akkasumas osoo hundi isaanii walitti qabamanillee kan uumamtoota hafaniin isa deebisuun hin danda'amne dhugumatti irra kaaya.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fayyaan Rabbiin ol ta'e isaanif kenne akka gara waan biratti hin jijjiiramne maganfatan; Sababni isaas, Rabbiin fayyaa yoo namaaf kenne, namni sun dhugumatti kheyrii ganda lameenii argateera, yoo fayyaan irraa fuudhamte immoo dhugumatti sharriin ganda lameenii isa mudateera, fayyaan tolina diini fi duuniyaa waan ta'eef jecha.
التصنيفات
du'aa'ii nabii s.a.w.