Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra arjaa namaa turani, yeroon isaan itti irra arjaa ta'an immoo Ramadaana keessa yeroo Jibriil isaaniin wol ga'u ture

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra arjaa namaa turani, yeroon isaan itti irra arjaa ta'an immoo Ramadaana keessa yeroo Jibriil isaaniin wol ga'u ture

Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra arjaa namaa turani, yeroon isaan itti irra arjaa ta'an immoo Ramadaana keessa yeroo Jibriil isaaniin wol ga'u ture Jibriil halkan Ramadaanaa hunda isaaniin wol ga'ee Qur'aana isaanii woliin qara'a ture, kanaaf Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- toltuu irratti qilleensa gadhiifamte irra arjaa turani.

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- arjummaa keessatti irra caalaa namaa turani, arjummaan isaanii immoo baatii Ramadaanaa keessa heddummaata ture, waan barbaachisu nama barbaachisuuf kennaa turani, sababaan arjummaan isaanii dabaleef immoo waa lamaafi: Inni jalqabaa: Jibriiliin -nageenyi isa irra haa jiraatu- wol ga'uu isaaniiti. Sababaan lammaffaan immoo: Qur'aana woliin qara'uu isaaniiti, inni qoma irraa qara'uudha. Jibriil hunda Qur'aana buufamee isaanii woliin qara'a ture, kanaaf Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qilleensa bareedduu isii Rabbiin roobaa fi rahmataan ergu caalaa arjaadha, kennaa fi hojii toltuu akkaan heddummeessaa fi namootaaf daddafanii qaqqabaadha.

فوائد الحديث

Arjummaa bal'aa nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qaban ibsuudha, keessattuu Ramadaana baatii ibaadaa fi arfaasaa toltuu ta'e keessatti.

Yeroo hunda arjummaatti kakaasuutu keessa jira, baatii Ramadaanaa keessa immoo dabaluutu jaallatamaa ta'a.

Baatii Ramadaanaa keessa kenna, tola ooltummaa fi Qur'aana qara'uu heddummeessuudha.

Sababaa ittiin beekumsa qomatti qabatan keessaa barattootaa fi beektotaa woliin qayyabachuudha.

التصنيفات

Ramadaan, arjummaa isaa s.a.w.