ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- umurii afurtamaa qur'aanni isaan irratti buufame

ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- umurii afurtamaa qur'aanni isaan irratti buufame

Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- umurii afurtamaa qur'aanni isaan irratti buufame, woggaa kudha sadi'iif makkaan turani, eegasii godaansatti ajajamanii, gara madiinaatti godaanani, woggaa kudhaniif isii keessa turani, eegasii immoo -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni du'ani.

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

ibnu abbaas -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkas jechuun hima: ergamaa Rabiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- umurii afurtamaa wahyiin isaan irratti buufame akkasumas ergamaa ta'anii ergamani, wahyiin booda woggaa kudha sadi'iif makkaan jiraatani, eegasii gara madiinaatti godaanuutti ajajamanii woggaa kudhaniif isii keessa jiraatani, eegasii umurii isaanii jaatamii sadi'itti du'ani.

فوائد الحديث

xiyyeeffannoo sahaabonni seenaa nabiyiitiif qabaniidha, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu.

التصنيفات

nabii keenya muhammad s.a.w., seenaa jireenya nabiyyii s.a.w.