Koomeewwaniif ibidda irraa adabbiin mirkanaa'e, wuduu'a guutaa godhaa

Koomeewwaniif ibidda irraa adabbiin mirkanaa'e, wuduu'a guutaa godhaa

Abdullaah bin Amrii irraa odeeffamee Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irraa haa jiraatu- waliin Makkaa irraa gara Madiinaa deebinee, yeroma bishaan wahii kan karaa irra jiru bira geenne namoonni yeroo Asrii irratti salaatuf sardamanii, haala sardaminsa keessa jiraniin wuduu'a ni godhatan, haala koomeen isaanii bishaan ishee tuquu dhabuu irraa kan ka'een iftuun isaan bira geenne, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni Isaan irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Koomeewwaniif ibidda irraa adabbiin mirkanaa'e, wuduu'a guutaa godhaa».

[sirrii]

الشرح

nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irraa haa buusu- sahaabota isaanii woliin makkaan irraa gara madiinaatti imalan, karaa isaanii irratti bishaan argatanii, gariin sahaabotaa salaata asrii salaatuuf jecha wuduu'a godhachuutti jarjarani, hanga nama ilaaluuf koomeen isaanii bishaan irraa gogaa ta'ee mul'atu tokkotti, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: worreen yeroo wuduu'a godhatan duuba faana isaanii dhiquu keessatti hirdhisaniif adabbii fi badiitu ibidda keessatti isaaniif jira, eegasii wuduu'a guutanii akka godhatanutti isaan ajajani.

فوائد الحديث

wuduu'a keessatti miila lameen dhiquun dirqama ta'uu isaa; osoo irra haxaawuun ni ta'a ta'ee nama koomee dhiquu dhiise ibiddaan hin dinniinu ture.

humnoota qaamaa dhiqamtu waliin gahanii dhiquun dirqama ta'uu isaa, namni waan dhiquun dirqama ta'e irra hanga xiqqoollee ta'u beekaa fi taati'oof jecha dhiise salaanni isaa sirrii hin taatu.

barbaachisummaa wollaalaa barsiisuu fi qajeelfama isaaf kennuuti.

beekaan dirqamoolee fi sunnaawwan irraa waan baduu isaa argu akkaataa ta'uun dhoorga.

Aalimni islaama muhammad ibnu ishaaq addahlawiin akkana jedhe: wuduu'a guutuun haala sadi'iin ilaalama: kan dirqama ta'e inni bakka wuduu'aa yeroo tokkoof wol geessisuudha, kan sunnaa ta'e inni yeroo sadii dhiquudha, kan jaallatamaa ta'e inni immoo sadii diquu waliin dheeressuudha.

التصنيفات

akkaataa wuduu'aa