إعدادات العرض
Bishaan hubboo /gaawwaa lama yoo ga'e najisa/xurii hin baatu (hin Najisaahu)
Bishaan hubboo /gaawwaa lama yoo ga'e najisa/xurii hin baatu (hin Najisaahu)
Abdullaah bin Umar irraa odeeffame, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu, akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee bishaan bineensonnii fi beeladoonni itti deddeebi'anii irraa ni gaafataman, isaanis, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu akkas jedhan: «Bishaan hubboo /gaawwaa lama yoo ga'e najisa/xurii hin baatu (hin Najisaahu)».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt සිංහල Hausa Kurdî Português Nederlands অসমীয়া Kiswahili ગુજરાતી አማርኛ پښتو ไทย Română മലയാളം Deutschالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee murtii bishaan beyladoonni fi bineensonni dhuguuf itti deddeebi’anii fi kan kana fakkaatan irraa gaafatamanii, Akkas jedhan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-: Yoo hammi bishaanii gaawwaa gurguddaa lama gahe, kunis: (210) liitira waliin wal qixa, bishaan guddaa waan ta'eef hin najisu, ykn hin xuraa'u, Amaloota isaa sadan: halluu isaa ykn dhandhamaa isaa ykn foolii isaa keessaa tokko waan najisaatin yoo jijjiirame malee.فوائد الحديث
Bishaan najisa kan ta'u tokkoon amaloota isaa sadan, bifa isaa, ykn dhandhamaa isaa, ykn foolii isaa waan najisaatin yeroo jijjiirameedha, Hadiisni kun karaa irra caalaa bahe malee, addattii miti.
Ulmaa'onni bishaan najisummaan/xuraa’ummaadhaan yoo jijjiirame xiqqoos ta’ee baay’ees ta’u guutumatti najisa ta’uu isaa irratti waliigalaniiru.
التصنيفات
seera bishaanii