إعدادات العرض
Namni tokko nama biraa faasiqa (kan Rabbiin dide) jedhee yoo darbate(arrabse), akkasumas kufriin yoo isa darbate, wanni sun irratti deebi'u malee hin hafu, yoo namichi inni arrabse sun akkas tahe malee
Namni tokko nama biraa faasiqa (kan Rabbiin dide) jedhee yoo darbate(arrabse), akkasumas kufriin yoo isa darbate, wanni sun irratti deebi'u malee hin hafu, yoo namichi inni arrabse sun akkas tahe malee
Abuu Zarri irraa akka odeeffametti, Rabbi irraa haa jaallatu, inni Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhu dhagahe: «Namni tokko nama biraa faasiqa (kan Rabbiin dide) jedhee yoo darbate(arrabse), akkasumas kufriin yoo isa darbate, wanni sun irratti deebi'u malee hin hafu, yoo namichi inni arrabse sun akkas tahe malee».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Português සිංහල Nederlands Tiếng Việt অসমীয়া ગુજરાતી Kiswahili پښتو മലയാളം नेपाली Magyar ქართული తెలుగు Македонски Svenska Moore Română Українська ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری አማርኛ Wolof ភាសាខ្មែរ ಕನ್ನಡ Српски Malagasy Kinyarwanda Shqip தமிழ் မြန်မာالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni tokko nama biraatiin: Ati faasiqa ykn ati kaafira jechuu akeekkachiisanii, akka inni jedhe yoo ta’uu baate inni waan jedhe san akka haqa godhatuu fi jechi isaas isuma irratti akka deebi'au, akka inni jedhe yoo tahe ammoo, jechi isaa sun dhugaa dubbate waan ta'eef isa irratti akka hin deebine himan.فوائد الحديث
Ragaa shari'aatin maletti namoota kufriin ykn fisqiin(fincilaan) darbachuun haraama ta'uudha.
Murtii namoota irratti kennuu keessatti mirkaneefachuun dirqama ta'uudha.
Ibnu Daqiiq al-Iid akkana jedhe: kuni nama tokkoo muslimootatiin osoo inni akkas hin tahin kaafira jedhee maqaa xureesseef sodaachisa, inni rakkoo cimaasi.
Ibnu Hajar Al-Asqalaaniin akkana jedhe: jecha isaa kanaan "kaafira ykn faasiqa" hin tahu jechuun dilii hin qabu jechuu miti, kana irratti bal'inaan ilaalamuu qaba: Yoo isa gorsuu itti barbaadee jedhe ykn haala isaa ibsuun nama biraa gorsuu barbaadee yoo jedhe ni danda'ama, yoo isa arrabsuu, badii sanaan akka beekamuu fi isa rakkisuu qofa barbaade hin hayyamamu; Sababni isaas akka isaaf dhoksuuf, karaa gaariin akka isa barsiisu fi akka isa gorsu ajajamee jira waan ta'eef, karaa laafaan barsiisuu osoo danda'u, humna fayyadamuun isa irra hin jiraatu, Humna fayyadamuun akkuma aadaa namoota baay’ee keessa jiru akka inni daran itti jabaatu fi badii sana irra akka turuuf sababaa waan ta'uu maluuf, keessattuu namni gorsu sun sadarkaa keessatti nama gorfamuu gaditti kan ilaalamu yoo ta'e.
