Lakkii, sun hidda, garuu guyyoota hanga dhiigni ji'aa ishee keessatti sitti dhufuu sana salaata dhiisii, eegasii dhiqadhuu salaati

Lakkii, sun hidda, garuu guyyoota hanga dhiigni ji'aa ishee keessatti sitti dhufuu sana salaata dhiisii, eegasii dhiqadhuu salaati

Aa'ishaa Haadha Mu’mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- Faaximaan binti Abii Hubeysh Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jettee gaafatte: Ani istihaadaa (dhiiga dhukkubaa) qaba, isa irraa hin qulqullaa'u, kanaafuu Salaata dhiisuun naa ni eeyyamamaa? isaanis akkana jedhan: “Lakkii, sun hidda, garuu guyyoota hanga dhiigni ji'aa ishee keessatti sitti dhufuu sana salaata dhiisii, eegasii dhiqadhuu salaati".

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Faaximaa binti Hubeyishii Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jettee gaafatte: Dhiigni narraa dhaabbachuu dhabuu irraa kan ka'een yeroo dhiiga ji'aa irra hin jirrellee itti fufa, murtiin sanaa murtii dhiiga ji'aa ta'uu danda'aa, sababaa isaatiin salaata kanan dhiisu? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: inni dhiiga istihaadaati, innis dhiiga dhukkubaa kan citiinsa hidda wahii kan gadameessa keessa jiru irraa argamuudha, Osoo dhiigni dhukkubaa sitti hin dhufiniin duratti akka Aadaa tee tan ji'atti yeroon dhiigni ji'aa isa keessatti sitti dhufu yeroo dhufe salaata, soomaa fi wantoota biroo kan isaan fakkaatan kan yeroo dhiiga ji'aa dubartiin dhiigni ji'aa itti jiru irraa dhoorgamtu dhiisi. Yeroo yeroon sun dhumetti ati dhiigni j'aa sirraa dhaabbate waan ta'eef iddoo dhiigaa sana dhiqi, eegasii xurii ofirraa kaasuuf jecha dhiqannaa guutuu ta'e qaama kee dhiqadhu, eegasii salaati.

فوائد الحديث

Guyyoonni dhiiga ji'aa yeroo xumuramanitti qaama guutuu dhiqachuun dubartii irratti dirqama ta'uudha.

Dubartii dhiigni dhukkubaa itti jiru irratti salaanni dirqama ta'uudha.

Dhiiga ji'aa jechuun: Dhiiga uumamaa gadameessaan karaa qaama saalaa dubartii ballaghtee baasuudha, guyyoota beekamoo ta'an keessatti itti dhufa.

Dhiiga dhukkubaa jechuun: Dhiiga yeroo malee gadaameessaa gara irraa gadiitii yaa'uudha.

Garaagarummaan gidduu dhiiga ji'aatii fi dhiiga dhukkubaa jiru: Dhiigni j'aa gurraacha furdaa hafuurri isaa ajaa qabuudha, dhiigni dhukkubaa immoo dhiiga diimaa haphii hafuura ajaayu hin qabneedha.