Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rak’aa kudhanin haffaze

Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rak’aa kudhanin haffaze

Ibnu Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkas jedhan: Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rak’aa kudhanin haffaze: rak'aa lama zuhrii dura, lama ammoo isii booda, rak'aa lama maghriiba booda mana ofiititti, rak'aa lama ishaa'ii booda mana ofititti, rak'aa lamaa fi subhii dura, Sa'aatii Nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hin seenamne turte, mu'azzinni yeroo azaanee fajriin bahe rak’aa lama akka salaatan Hafsaan natti himte. gabaasa biroo keessatti: Rasuulli -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata jum’aa booda rak’aa lama kan salaatan ta'an.

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim with all its versions]

الشرح

Abdullaah bin Umar -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jechuun ni ibsa: Salaata sunnaa Nabiyyii irraa qabadhe keessaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- rak’aa kudhani, isiinis Al-sunan al-rawaatib jedhamtee waamamti, Zuhrii dura rak'aa lama, isii boodas rak'aa lama, Maghriiba booda mana isaanii keessatti rak'aa lama, Ishaa'ii booda mana isaanitti rak'aa lama. Salaata Subhii dura rak'aa lama. Rak'aa kudhan guutte. Salaata jum’aa booda immoo rak’aa lama salaatu.

فوائد الحديث

Sunnoowwan rawaatibaa kanneen salaatuu fi irratti turuun barbaachisaa ta'uudha.

Sunnaa mana keessatti salatuun karaa ta'uudha.