“Guyyaa Jum’aa, osoo imaamni gorsuu hiriyyaa keetiin callisi (dhageeffadhu) yoo jette, ati dhugumatti dogoggorte (sadarkaa salaata jum'aa dhabdeerta”)

“Guyyaa Jum’aa, osoo imaamni gorsuu hiriyyaa keetiin callisi (dhageeffadhu) yoo jette, ati dhugumatti dogoggorte (sadarkaa salaata jum'aa dhabdeerta”)

Abbaa Hureyraa irraa akka gabaafametti Rabbiin irraa haa jaalatu, Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Guyyaa Jum’aa, osoo imaamni gorsuu hiriyyaa keetiin callisi (dhageeffadhu) yoo jette, ati dhugumatti dogoggorte (sadarkaa salaata jum'aa dhabdeerta”).

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- naamusaalee nama gorsa jum'aa dhufe irratti dirqama ta'an keessaa tokko gorsa kennamu dhaggeeffachuu akka ta'e ibsan; gorsa kennamu akka xiinxaluuf jecha, akkasumas osoo imaamni gorsuu namni dubbatee -waan xiqqoo illee osoo ta'ee- nama birootiin akkana jedhee: “Cal’isi” “dhaggeeffadhu” sadarkaan salaata jum'aa akka isa darbuus ibsaniiru.

فوائد الحديث

Osoo khuxbaa dhagahanii dubbachuun haraama ta'uudha, osoo badii irraa dhoorguu ykn salaamtaa deebisuu fi haxxiffataa gammachiisuun osoo ta'ellee.

Dhoorgaa kana irraa kan hafu nama imaama dubbisu yokaan imaamni isa dubbisu qofa.

Yeroo barbaachisaa ta’etti khuxbaa lamaan gidduutti dubbachuun ni danda’ama.

Nabiyyiin, -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- osoo imaamni gorsaa jiruu yoo maqaan isaanii dubbatame, sagalee gad qabatteeti salaata irratti buusta, akkasuma du'aa'in yeroo godhamu aamiin jechuunis sagalee gad qabachuun ta'a.