إعدادات العرض
“Guyyaa Jum’aa, osoo imaamni gorsuu hiriyyaa keetiin callisi (dhageeffadhu) yoo jette, ati dhugumatti taphattee jirta (sadarkaa salaata jum'aa dhabdeerta)
“Guyyaa Jum’aa, osoo imaamni gorsuu hiriyyaa keetiin callisi (dhageeffadhu) yoo jette, ati dhugumatti taphattee jirta (sadarkaa salaata jum'aa dhabdeerta)
Abbaa Hureyraa irraa akka gabaafametti -Rabbiin irraa haa jaaمlatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Guyyaa Jum’aa, osoo imaamni gorsuu hiriyyaa keetiin callisi (dhageeffadhu) yoo jette, ati dhugumatti taphattee jirta (sadarkaa salaata jum'aa dhabdeerta)".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી Yorùbá Nederlands සිංහල தமிழ் دری Кыргызча Lietuvių Kinyarwanda नेपाली or ಕನ್ನಡ Română Soomaali Српски Wolof Українська Moore Azərbaycan ქართული Magyar Македонски bm አማርኛ Български Malagasy ភាសាខ្មែរالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- naamusaalee nama gorsa jum'aa dhufe irratti dirqama ta'an keessaa tokko gorsa kennamu dhaggeeffachuu akka ta'e ibsan; gorsa kennamu akka xiinxaluuf jecha, akkasumas osoo imaamni gorsuu namni dubbatee -waan xiqqoo illee osoo ta'ee- nama birootiin akkana jedhee: “Cal’isi” “dhaggeeffadhu” sadarkaan salaata jum'aa akka isa darbuus ibsaniiru.فوائد الحديث
Osoo khuxbaa dhagahanii dubbachuun haraama ta'uudha, osoo badii irraa dhoorguu ykn salaamtaa deebisuu fi haxxiffataa gammachiisuun osoo ta'ellee.
Dhoorgaa kana irraa kan hafu nama imaama dubbisu yokaan imaamni isa dubbisu qofa.
Yeroo barbaachisaa ta’etti khuxbaa lamaan gidduutti dubbachuun ni danda’ama.
Nabiyyiin, -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- osoo imaamni gorsaa jiruu yoo maqaan isaanii dubbatame, sagalee gad qabatteeti salaata irratti buusta, akkasuma du'aa'in yeroo godhamu aamiin jechuunis sagalee gad qabachuun ta'a.
التصنيفات
salaata jum'ah