Hojii kamtu Rabbi biratti baay'ee jaallatama? isaanis akkana jedhan: "Salaata yeroo ishee eeggatanii salaatuudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: “Abbaa fi haadhatti tola ooluudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: "Karaa Rabbii keessatti duuluudha

Hojii kamtu Rabbi biratti baay'ee jaallatama? isaanis akkana jedhan: "Salaata yeroo ishee eeggatanii salaatuudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: “Abbaa fi haadhatti tola ooluudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: "Karaa Rabbii keessatti duuluudha

Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Akkana jedheetiin Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafadhe: Hojii kamtu Rabbi biratti baay'ee jaallatama? isaanis akkana jedhan: "Salaata yeroo ishee eeggatanii salaatuudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: “Abbaa fi haadhatti tola ooluudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: "Karaa Rabbii keessatti duuluudha" ni jedhe (ibnu mas'uud): Waa’ee isaanii natti himan, osoon dabalataan isaan gaafadhee silaa naaf dabalu ture.

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechuun gaafataman: Hojiin Rabbi biratti baay’ee jaallatama isa kami? Ni jedhan: Salaata dirqama ta'e yeroo isaa kan Abbaan shari'aa tumeen salaatuudha. Eegasii Abbaa fi haadhatti tola ooluudha, gaarii isaanii gochuu, haqa isaanii bahachuu fi isaanitti mataa jajjabaachuu dhabuun, Eegasii jecha Rabbii ol ta'ee ol taasisuuf, akkasumas Amantii Islaamaa fi warra isaa irraa diina deebisanii mallattoowwan isaa muldhisuuf jecha karaa Rabbii keessatti lubbuu fi qabeenyan duuluudha. Ibnu Mas'uud -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: waa’ee hojiiwwan kanaa natti himan, osoon : Eegasii kami? jedheenii silaa naaf dabalan.

فوائد الحديث

Hojiileen akkataa jaalala Rabbiin isaaniif qabuun wal caaluudha.

Hojiilee irraa irra caalaa eegasii irra caalaa hojii hojjachuu irratti akka bololuuf Muslima kakaasuudha.

Irra caalaa hojiilee irraa deebiileen Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka wal dhabbii fi haalowwan namoota gaafataniitiin wal dhabuudha, kan tokko tokkoo isaanitiif hedduu faaydaa qabeessa taheen.