Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa’ee Ansaaraa keessatti akkana jedhan: "Mu’umina malee eenyulleen isaan hin jaallatu, munaafiqa malees namni isaan jibbu hin jiru, nama isaan jaallate Rabbiin isa jaallata, nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa’ee Ansaaraa keessatti akkana jedhan: "Mu’umina malee eenyulleen isaan hin jaallatu, munaafiqa malees namni isaan jibbu hin jiru, nama isaan jaallate Rabbiin isa jaallata, nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba

Al-Baraa irraa odeeffamee Rabbiin isa irraa haa jaallatu: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa’ee Ansaaraa keessatti akkana jedhan: "Mu’umina malee eenyulleen isaan hin jaallatu, munaafiqa malees namni isaan jibbu hin jiru, nama isaan jaallate Rabbiin isa jaallata, nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba".

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Ansaara warra madiinaa irraa ta'an jaallachuun mallattoo guutummina iimaanaa ta'uudha himan; kun waan isaan Islaamummaa fi Nabiyyiif-nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- tumsuu keessatti nama hunda dursaniif jecha, akkasumas waan isaan muslimootaaf gaaddisa carraaqanii fi karaa Rabbii keessatti mqabeenya isaanitii fi lubbuu isaanii kennaniif jechaadha, akkasumas isaan jibbuun mallattoo munaafiqummaa akka ta’e himaniiru. Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nama warra Ansaara jaallate Rabbiin akka isa jaallatuu fi nama isaan jibbe immoo Rabbiin akka isa jibbu ibsan.

فوائد الحديث

Hadiisichi Ansaaraaf eddoon guddaan akka jiru ibsa, kanaafuu isaan jaallachuun mallattoo iimaanatii fi munaafiqummaa irraa bilisa ta'uuti.

Owliyoota Rabbii jaalachuu fi isaan deggaruu sababaa gabrichi jaalala Rabbii keessa ittiin seenuudha.

Sadarkaa warri duraa Islaamummaa keessatti qabuudha.