إعدادات العرض
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa’ee Ansaaraa keessatti akkana jedhan: "Mu’umina malee eenyulleen isaan hin jaallatu, munaafiqa malees namni isaan jibbu hin jiru, nama isaan jaallate Rabbiin isa jaallata, nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa’ee Ansaaraa keessatti akkana jedhan: "Mu’umina malee eenyulleen isaan hin jaallatu, munaafiqa malees namni isaan jibbu hin jiru, nama isaan jaallate Rabbiin isa jaallata, nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba
Al-Baraa irraa odeeffamee Rabbiin isa irraa haa jaallatu: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa’ee Ansaaraa keessatti akkana jedhan: "Mu’umina malee eenyulleen isaan hin jaallatu, munaafiqa malees namni isaan jibbu hin jiru, nama isaan jaallate Rabbiin isa jaallata, nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba".
[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල Svenska ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá ئۇيغۇرچە Tiếng Việt پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or Malagasy नेपाली Čeština Română Nederlands Soomaali తెలుగు ไทย മലയാളം Lietuvių Српски Українська Kinyarwanda Shqip ಕನ್ನಡ Wolof Moore ქართული Magyarالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Ansaara warra madiinaa irraa ta'an jaallachuun mallattoo guutummina iimaanaa ta'uudha himan; kun waan isaan Islaamummaa fi Nabiyyiif-nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- tumsuu keessatti nama hunda dursaniif jecha, akkasumas waan isaan muslimootaaf gaaddisa carraaqanii fi karaa Rabbii keessatti mqabeenya isaanitii fi lubbuu isaanii kennaniif jechaadha, akkasumas isaan jibbuun mallattoo munaafiqummaa akka ta’e himaniiru. Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nama warra Ansaara jaallate Rabbiin akka isa jaallatuu fi nama isaan jibbe immoo Rabbiin akka isa jibbu ibsan.فوائد الحديث
Hadiisichi Ansaaraaf eddoon guddaan akka jiru ibsa, kanaafuu isaan jaallachuun mallattoo iimaanatii fi munaafiqummaa irraa bilisa ta'uuti.
Owliyoota Rabbii jaalachuu fi isaan deggaruu sababaa gabrichi jaalala Rabbii keessa ittiin seenuudha.
Sadarkaa warri duraa Islaamummaa keessatti qabuudha.