“Mee odeessaa! balbala tokkoo keessanitti lagni guyyatti yeroo shan itti dhiqatu osoo jiraatee, mee maal jetta sun xurii isaa irraa homaa ni hanbisaa?

“Mee odeessaa! balbala tokkoo keessanitti lagni guyyatti yeroo shan itti dhiqatu osoo jiraatee, mee maal jetta sun xurii isaa irraa homaa ni hanbisaa?

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatuu- inni Ergamaa Rabbii -nagaa rahmanni isaan irratti haa jiraatu- kan akkana jedhu dhagahe: “Mee odeessaa! balbala tokkoo keessanitti lagni guyyatti yeroo shan itti dhiqatu osoo jiraatee, mee maal jetta sun xurii isaa irraa homaa ni hanbisaa?" ni jedhan (sahaabonni): sun xurii isaa irraa homaa hin hanbisu, isaanis ni jedhan: "sun fakkeenya salaata shananiti, Rabbiin isaani diliiwwan haqa".

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- salaata shanan guyyaa fi halkan keessatti salaataman isaan diliiwwan xixiqqoo nama irraa harcaasuu keessatti laga balbala nama tokkotti jiru kan guyyatti yeroo shan irraa dhiqatutti fakkeessan, dilii isaa irraa homaa hin hafu.

فوائد الحديث

Sadarkaan kun diliiwwan xixiqqoo ta'an haquu qofaafi, diliiwwan gurguddoo immoo irraa towbachuun dirqama.

Sadarkaa salaata shanan ulaagaalee isii, ruknoowwan isii, dirqamoowwan isiiti fi sunnoowwan isii eeggatanii raawwachuun qabuudha.